Dubree Wabii Bechere fi Dubree Hawweeraa Ummataa barmootni humna jedhu

Copy of FB announcement  (1).jpg

Wabbi Bechere Graduate Business Analyst, Hawera Oumeta Law Graduate

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

“Barnoota sadarkaa ol-aanaatti barachuun fedha akkasumas naannoo ofii ilaaluu gaafata. Namootni naannoo kee jiran yoo baratanii sadarkaa hojii gara garaa irra jiru tahe kun barmoota akka barattu si jajjabeessa. Barnoota barachuun miindaa gaarii argachuu qofaaf utuu hin taane beekumsa horachuun deebiftee ati illee sadarkaa hawaasni kee si barbaadutti tajaajiluu dandeessa. “ Wabii Bechere fi Hawweeraa ummataa.



Yeroo jalqabaaf sadarkaa lammaffaa irraa gara University deeman tarkaanfii guddaa dha jedhu Wabi fi Hawweeraan. Dadhabsiisaa tahuus danda'a, garuu abjuu gaarii fi kaayyoo xaliilaa waa hojjechuu nan danda'a jedhu qabaannaan waanti gochuu hin dandeenye hin jiru.

Sadarkaa lammaffaa keessatti jajjabinni ati agarsiiftu University deemuu keef murteessaa dha. Namootni baayyeen naannoo kee jiran, maatiin, hawaasni kan barate yeroo agartu anis gochuu nan danda'a jedhta. yeroo baayyee miira ofii ilaaluun, waan maatiin jedhuunis wal bira qabanii maal akka baratan murteeffachuun fedhii guutuun barmooticha irratti akka xiyyeeffatan nama gargaara. Barnootni, carraa ati jireenya kee keessatt of taate jiraattu siif kenna, waan baratteenis hawaasa kee bakka si gaafatanitti gumaachuu si dandeessisa.
Barnootni humna, waan hundumtuu beekumsi, jijjiirama fiduun, nama gargaaruun hunduu barmoota irraa dhufa, Xiqqaas tahu guddaa waan fedhtan, waab barachuu barbaaddaniif muratoo taha, bakkaanin gaha kan jedhu kaayyoo qabaadhaa. Barnoota barachuun, maallaqa itti argachuu qofaaf utuu hin taane, of tahummaa dha, naannoo keetti, hawaasa kee keessattiif namoota naannawaa kee jiraniif jijjiirama uumuuf carraaquu dha. walumaa gala barmootni humna jedhu Wabii Bechere(Graduate Business Analyst) akkasumas Hawweeraa Ummataa (Law Graduate).
SBS Afaan Oromoo yaada isaaniif isaan galateeffata.

Share