Kasaaraa labsachuun maal: Eenyuutu ulaagaa guuta, dhiibbaa inni qabu hoo

Australia Explained - Bankruptcy

Understanding bankruptcy and its consequences in Australia Credit: zoranm/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Kasaaraa labsachuun namoota hedduudhaaf haala wal xaxaa dha, qaanii deegaa fi maqa balleessii uuma. Haa tahu malee, gami tokkoon karaan ittiin dhiphina maallaqaa of irraa itti xiqqeessan kanuma. Yoo liqaa maallaqaa kee to'achuuf itti rakkataa jirta tahe, kasaaraa labsachuuf galmaa'uun filannoo tahuu danda'a.


Tuqaalee Ijoo
  • Kasaaraa labsachuun waggaa sadii keessatti ni xumurama garuu fafni inni qabu waggaa dheeraa fudhata.
  • Kasaaraa labsachuun liqaa si irra jiru hunda irraa bilisa si hin taasisu.
  • Yeroo hunda iyyuu qorsitoota herregaa irraa gorsa soqi.
Kasaaraa labsachuu jechuun adeemsa seeraa, liqaa kee hedduu irraa si hiikuun deebiftee akka to’annoo maallaqaa qabaattuu fi akka haaraatti lafaa kaatu si gargaaru dha.

Fedha keen kasaaraa labsuu dandeessa, ykn gaaffii abbootii liqaa kee - warra maallaqa liqii si irraa qabaniin- manni murtii kasaaraa sirratti labsuu danda’a.

Kun tarkaanfii gaarii maqaa balleessii haala Kanaan wal qabatee jiru irra wayyaa tahuu danda’a.

Maqaa balleessii kasaaraan wal qabate  bira darbanii, furama seeraa argachuu fi jireenya haaraa jalqabuun nama rakkinni maallaqaa akkasii mudateef akkaan barbaachisaa tahuu cimistee dubbatti Clare Corrigan.  

 “yeroo baayyee namoonni kasaaraa labsamuuf dirqaman badii mataa isaanii rakkina maallaqaa uumameen tahe miti sababni isaa  yeroo hedduu rakkoon maallaqaa humnoota alaatiin uumama” jedhti.
Tarkaanfiin kun egeree herregaa haaraa uummachuuf tarkaanfii jabinaa tahee ilaalamuu qaba, Keessattu karaa deggersa ogeessota warreen seera eegsisuu qofaan utuu hin taane miira namaa hubatanii eeguun imalcha keessan nama dabarsan namaa wajjin jiraachuu isaanii.
Clare Corrigan, Registered Trustee in Bankruptcy
Kasaaraa labsachuun dura

Seera labsii kasaaraa fi filannowwan biroo ilaalcha keessa galchi.

Waliigaltee liqaa nama irra jiruu irratti

Waliigalteen liqaa yeroo baayyee naannoo waggaa sadii hanga shanii kan turu yoo ta'u, labsii kasaaraa si oolchuu danda'a.

Bulchiisi si fi nama liqaa si irraa qabu san waliin marihatu, tarii liqaa si irraa hir'isuuf walii galuuf ykn akkaataa itti kafaltu karoora baasuuf.
Coffee shop owner worry about her business
For many, bankruptcy brings feelings of financial shame and stigma, but it’s sometimes the only course of action to relieve financial distress. Credit: gahsoon/Getty Images

Waliigaltee kaffaltii dhabuu dhuunfaa ykn (PIA) jedhama.

PIA(Personal Insolvency Agreement) waliigaltee hidhaa seeraa nama liqaa si irraa qabuu fi si gidduu jiru dha. liqaa si irra jiru karaa qabachiisuuf haal mijataa tahee ittiin kafaluu dandeessu irratti waliin haasoftu, walumaa gala kun waggaa sadii haga shanii fudhata.

Wanti akkasii yeroo baayyee abbaa imaanaa (trustee) muuddachuu barbaada.  Abbaan imaanaa kee adeemsa kana ofitti fudahatanii kaffaltiin sun akkamiin akka tahuu qabu mijeessuu si gargaaru.

Gorsa maallaqaa itti gaafadhu

Kasaaruu labsachuu fafa hamaa qabam kanaaf murteesuun dura ogeessitoota ykn gorsitoota herregaa/maallaqaa waliin dubbadhaa jedhti Sarah Megginson, Ogeettiin Maallaqaa Olaanaa kan Finder.

Toorri gargaarsa liqaa Biyyaalessaa Wiixataa haga Jimaata yoo bilbiltan isin gargaaru 1800 007 007 bilbili. Ogeessota muuxannoo qaban dhimma maallaqaa irratti filannowwan jiran siif ibsan siif kennu.

"Jarri guutummaatti of danda’anii warra socha’an, tajaajila tola-ooltummaa bilisaan kennan, yeroo hundas iccitii kan eeganii fi gaarummaan isaanii kan himamuufi dha, jedhti adde Megginson.

Adeemsa isaa

Adeemsa kasaaraa labsuu Abbaan Taayitaa Nageenya Herregaa Australia ( ) (AFSA)tu gaggeessa.

Iyyannoon marsriitii AFSA irraan galfama. Achii isaan iyyata kee gulaalu.

"Yoo fudhatama argate namni dhuunfaa sun kasaaraan itti labsama , yeroo Sanaa kaasee  liqeessitooti isaanii akka isaan hin rakkifne eegumsi hagi tokko ni godhamaaf, deebi’anii maalaqaan of ijaaruuf yeroo akka argataniif, jedhti adde Corrigan. "

Namni kasaaraa labsate sun abbaa imaanaatu muudamaaf, namni kun fedhii gar hundaa iyyuu wal qixa eeguu fi bakka bu'ummaa fudhatutu tahuu qaba.

Abbootiin imaanaa herregni nama kasaaraan irra gahee ni gilgaalu, qabeenya isaanii gurguruun liqaa isaanii kafalu, akkasumas amala qabaa maallaqaa isaanis qoratu.

"Nama dhuunfaa kasaaraa  keessa jiruuf yeroo haala kana keessa jiranitti mirgaa fi gaafatamummaa ilaalchisee waan isaan gargaaruu danda’u  hunda irratti Odeeffannoo ni kennina ni qajeelchinas," jedhti adde Corrigan.

Couple having finacial problems
Bankruptcy lasts for three years and one day, but the consequences can last for much longer. Credit: Vladimir Vladimirov/Getty Images
"Haalli akkasii namoota dhimmi kun ilaallatu hundaa miira kan tuquu fi dhiphinatti waan saaxiluu danda’uuf  madaallii gama hundaa eeguun furmaata loogii hin qabne , of-eeggannoo fi gara laafinaan  raawwachuu barbaachisa"

Kasaaruun hagam jireenya kee irratti dhiibbaa qabaata?

Kasaaruu labsachuun waggaa sadii fi guyyaa tokkotti xumurama, garuu fafni isaa waggaa baayyeef tura.

Maqaan kee tarree Indeeksii Ga’umsa Dhuunfaa Biyyaalessaa irratti dabalama. Kunis sadarkaa liqii keetii fi maallaqa liqeeffachuu danda’uu kee irratti dhiibbaa qaba. Eguma dhimma kasaaraa kana xumurattee booda iyyuu jechuu dha.

Bilisummaan ati qabdu tokko tokkos ni miidhama.

Abbaan qabeenyaa daldala xixiqqaa Mathew namni jedhamu Kasaaraan labsachuun biyya biraa imaluu irratti akka rakkoo itti uume dubbate.

"Yaaddoon koo guddaan yeroo ani jalqaba kasaaruu koo labsadhe, intala koo haadha walii philipinii jirtu ilaaluu danda'a kan jedhu ture, " jedha.

Yeroo labsii kasaaraa keessa jirtu yeroo barbaaddetti bilisaan biyya biraa deemuu hin dandeessu. Biyya biraa imaluuf Jalqaba hayyama abbaa imaanaa kasaaraa (bankruptcy trustee) gaafachuu qabda.
Matthew, small business owner


Walumaagalatti, kasaaraan hojii hojjechuu danda’uu kee irratti dhiibbaa hin geessisu. Dhugaa dubbachuuf, hojjechiisaan kee beekuun isa hin barbaachisu iyyuu taha.

Haa ta'u malee, yoo daldala ykn warshaalee akka dhimma herregaan ykn seeraan wali hidhate irra hojjetta tahe, haala kana irratti marihachuuf dhaabbata mootummaa ykn waldaa ogummaa dhimmi ilaallatu qunnamuu qabda.

Namni kasaaraa labsatee jiru hayyama mana murtii malee dhaabbata tokko bulchuu ykn gitoota hojii ummataa murtaa'an qabachuu hin danda'u.

Akkasumas akkuma Mathewn bira gahetti, yoo daldala mataa keetii geggeessita tahe daangessamni si irra kaa’aman tokko tokko ni jiran.

"Inshuraansii itti gaafatamummaa ummataa (public liability) argachuu hin dandeenye,  ykn dhiyeessitoota waliin herrega fi sarara liqii mijeeffachuu hin dandeenye.  Waan hundaa durseen kaffaluu qaba ture, sunuu horii callaa, "jedhe. 

Herrega mataa ofii akkasumas liqaa argachuun baayyee rakkisaa dha.  Yoo illee argachuu dandeesse immoo yeroo baay'ee dhala ol'aanaa kaffalta.

Dhaabbileen seenaa liqii gabaasan galmee labsii kasaaraa kee ega gaafa labsamee qabee wagga shaniif , akkasumas ega xumurameen booda wagga lamaaf ol kaa’u. Kun liqii argachuu danda’uu kee fi dhala kaffaltu irratti dhiibbaa ni qaba.
Australia Explained - Bankruptcy
Bankruptcy lasts for three years and one day, but the consequences can last for much longer. Credit: courtneyk/Getty Images

Kasaaraa labsachuun liqaa si irra jiru irraa bilisa si taasisaa?

Salphaadhumatti lakki.

Liqaa wabii hin qabne keessaa harka caalu irraa ni hiikamta - liqaa qabeenya tokkoon hin deeggaramne kamiyyuu, kan akka kaardii liqii (credit card,, kaffaltii yaala fayyaa fi liqiwwan jirran jechuu dha.

Warri abbaa imaanaa muudaman qabeenya kee tokko tokko gurguruun namoota liqii si irraa qabaniif kafaluus ni maluu. wantoota akka meeshaalee manaa idilee, meeshaalee galii argachuuf si barbaachisan, konkolaataa hanga maallaqa murtaa'e qabachuun siif hayyamama.

"Garuu abbaan imaanaa kee mana ati keessa jiraattu dabalatee qabeenya biroo gurguruu ni danda'a jedhti," adde Megginson.

"Akkasumas, qabeenya kamuu gatuuf akka hin ariifannes hubadhu.  Yoo waa tahe itti abbaa imaanaa keetti himuu qabda, sababni isaas abbaa imaanaa kee gowwomsuuf yoo yaalte fafa hamaa tokko tokko ni qabata."




Toorri odeeffannoo tolaa Wiixataa haga Jimaataa lakkoofsa bilbilaa 1800 007 007 qunnamuu dandeessa.

Share