Qabeenya bishaanii gati-jabaa fi haala qilleensaa addaa Australia hubachuu

Lake Eildon was built in the 1950's to provide irriga

Lake Eildon was built in the 1950's to provide irrigation water for the Goulburn Valley Credit: Construction Photography/Avalon/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Awustiraaliyaan ardiilee jiraattota hunda keessaa gogiin kan beekamtu yoo taatu, qilleensaa adda addaa naannoo ishee keessattis waggaa waggaadhaan rooba, ho’aa fi haala qilleensaa gurguddaan wal jijjiiru.Qilleensa adda tahe qabaachuun Australia adda taasisa.


Tuqaalee Ijoo
  • Awustraaliyaan lafa gogaa, qilleensa ho'aa fi gogiin beekamte yeroo adda addaatti ibidda bosonaaf saaxilamti.
  • Australia walii gala keessatti yeroo bonaa fi gannaa adda addaatu jiru, yeroo roobaa, qonnaa, hunduu adda adda.
  • sababoota namoonni uumaniin, balaa uumamaan fi lafa qulqulleessuu jedhuun sirnoomni haala qilleensa keenyaa dadhabaa haa tahu iyyuu malee, Australia keessatti bishaan gati-jabeessa.
Kaabatti qilleensa baddaa irraa kaasee hanga ho’a kibbaa, Austraaliyaan qilleensa cimaa adda addaa hedduutu ishee mudata, kanneen akka obomboleettii, lolaa fi damabalii hoa’aa akkasumas gogiinsa dabalatee jechuu dha.

Qilleensi Australia sirnuma haala qilleensaa ishee fakkaata. kunis baayyeen isaa sababa hanqina bishaaniif haalli qilleensichaa dadhabaa taha. jjiiramni qilleensaa, ibiddi bosonaa fi gogiinsi naannoowwa kana caalaatti balaadhaaf kan saaxilu yemmuu taʼu,taateen kun ammo naannawa kana dandamachiisuuf kunuunsuun barbaachisaa tahuu cimsee mulísa.

Austraaliyaan biyya guddoo, naannawa ati irra jiraattu irratti hundaawee bal’inni lafaa, haalli qilleensaa fi ho’insi garaa garummaa qaba.

Jalqaba bara 1900moota keessa walaloo barreessituun Australia kitaaba ishee beekamaa Biyya koo ( My Country) jedhu barreessite keessatti bareedina fi lafa bifan bunnii bal’aa fi namni irra hin jirre jechuun ibsite.

Biyya aduudhaan gubatte
lafa dirree bal’aa, gaaraan marfamte
gogii fi lolaan beekamte kana baayyeen jaalladha…”

Catherine Ganter, Biiroo Metrology keessatti ogeettii haala qilleensaa olaanaa yeroo taatu haala qilleensaa garmalee austrralia mudatuu malan dubbatti.

“Australiyaan goginsa lafaa fi lolaa roobaatiin beekamti. Wagga dheeraaf goginsa qilleensa ho’aa fidu fi qilleensa balaa ibiddaa uumuu qabaachuu dandeessi.  Garuu rooba ji’ootaaf itti fufee lolaa guddaa fidus qabaachuu dandeessi. "
The stark landscape of the Monaro Tablelands which is one of 19 ecosystems collapsing in Australia - Image Greening Australia.JPG
The stark landscape of the Monaro Tablelands which is one of 19 ecosystems collapsing in Australia - Image Greening Australia. Credit: Annette Ruzicka

Yeroo Qilleensa Hamaa

Qilleensa gar-malee hamaa tahan Australia keessaaf wanneen sababa  tahan baayyeetu jiru jedhti adde Ganter.

“Haala qilleensaa kanaaf sababa kan tahan kanneen akka haalli qilleensaa fi galaanaa jeeqamuu irraa dhalatanii fi akkasumas qilleensa hamaa galaana india irraa ka’aniin carraan qilleensa hamaaf saaxilamuu uumama. Akkasumas jijjiiramni qilleensaas carraa hammeenya qilleensaa garmalee ol dabaluutti jira.

Australiyaan biyyoota gurguddoo lafa irrra jiran jaha keessaa ishee tokko. Haa tahu malee , lafa bal’aa sq kilometrii milioona torbaa fi walakkaa oli  qabaattu iyyuu, Australiyaan walii gala guddina lafaa addunyaa keessatti percentii shan qofa.
Australian climate zones based on temperature and humidity - credit BOM.png
Australian climate zones based on temperature and humidity - credit BOM.png
“Awustiraaliyaan lafa guddoo yoo taatu, naannoolee baddaa ho’aa naannoo mudhii lafaa irraa kaasee hanga gara lafa qabanaatti kan baláttu dha. Ifni aduu, seerawni qilleensaa, rooba, fi teessuma lafaa hundi isaanii guutuu biyyattii keessatti baayyee adda. Garaagarummaa kanaanis guutuu biyya keenyaatti naannoowwan qilleensaa adda addaa hedduutu jiru.” jedhti adde Ganter.

Adde Ganter itti dabaltee,  naannoleen qilleensaa kunniin garaagarummaa ho’aa fi jiidhina, yeroo biqiltootaa fi yeroo roobaan adda babaafamuu dandaú. Akkasumas yeroon qilleensaa Australia kutaalee biyyattii adda addaa keessatti garaagarummaa qaba jedhti.

“Awustiraaliyaan walakkaa kibbaa keessatti argamti. Kana jechuun warra Ameerikaa Kaabaa, Awurooppaa fi Asia irraa dhufan Walakkaa kaabaa keessa jiraniif yeroon keenya fi kan isaanii faallaa dha. Kibbi Australia ganna, birraa, qorra, fi bona qaba, yeroon gannaa keenya ji’a Muddee hanga Guraandhaatti. Haa ta’u malee, kaabaa baddaa Australia keessa yeroo lama qofa qabu, kunis Onkololeessa haga Eblaa yeroo gannaa yemmuu tahu, Caamsaa haga fulbaanaa bona keessa jiru ”

Lake Keepit in New South Wales - Image Wallula-Pixabay.jpg
Lake Keepit in New South Wales - Image Wallula-Pixabay
 Ummatni Australia Aboriginaa fi Torres Strait Islander naannawa isaanii fi garaagarummaa qilleensaa bakka jiraatan irratti hundaawanii haal qilleensaa fi uumamaan wal fudhachuuf hubannoo waloo tokko ummatanii jiru.

Garaagarummaan qilleensaa fi ho’aa- keessattuu, roobni- qilleensa naannoo irratti dhiibbaa uuma jedhti aadde Ganter.

““Gara mudhii lafaatti, Kaaba Australia baddaa dha, bakka ifni aduu fi roobni cimaan itti mul’atu. Gara guutummaa kibba Australia ammamoo, qilleensa qabbanaawaa qilleensa mediterranean wal qabatee gara haga kibba-dhihaatti baayyee hoá gogaatu jira. Qarqarri bahaa qilleensa qabbanaawaa kan qabu fi qilleensa gogaa kan hin qabne, yeroo bonaas qilleensa tasgabba’aa qaba.  Garuu walumaa gala, Australiyaan Biyya googgogduu fi qaamni biyyicha hammi tokko rooba xiqqoo argatu."

Dhabiinsi bishaanii fi balaan gogii qonnaa, jireenyaa fi fayyaa hawaasaa fi naannoo irratti dhiibbaa qaba.

“Ummatni biyyaa walakkaa ol rooba mm350 gadi argachaa haa jiraatanuu malee Australia keessatti bishaanni baayyee gati jabeessa.  Gogii jechuun, roobni xiqqaachuu jechuu miti, utuu akkana tahee nannawaa Australia baayyee gogiitu jira jechuu dha. "

Australian Biyyoota addunyaa kana irraa Biyya goginsi itti heddummatuu dha. Naannoon keenya harki caalaan bishaan daangessii qaba, haa tahu malee madaallin bishanii haala gaariin eegamaa jira.

Dr Blair Parsons dhaabbata Greening Australia jedhu eessatti itti gaafatamaa yemmuu tahu, dhaabbatni isaa lafa fayyaalessaa fi oomishaawaa namootnni fi uumamni itti guddatan uumuuf carraaqu dha.

“Yeroo biyyattii keessaa iddoon tokko tokko lolaa roobaan rakkatu, dhabiinsi bishaanii Hawaasa keenya baayyeef yaaddessaa dha.  Kibba-dhiha Australia keessatti- ho’a gogaa garmaleetu jira -  1970 kaasee, roobni dhibbantaatti harka 20 hir’isee jira kun ya’a bishaanii dhibbatti harka 80 caalaatti hir’isee jira” jedha Dr Parsons.

Teessuma lafa durii guddatee waggoota biliyoonaan lakkoofsise keessatti Australiyaan yeroo ammaa balaa adda addaaf saaxilamaa jirti jechuun ibsa Dr Parsons.

“Amma, haalli sirnoomina qilleensaa keenya kan nuuf adda tahe, garuu ammo dadhabaa dha.  Sababa jijjiirama qilleensaaf, balaa uumamaa, lafa qulqulleessuu akkasumas wanneen dhalli namaa godhu tokko tokkoo irraa kan ka’e rakkoo hamaaf saaxilamaa jira.  Uumama keenya ajaa’ibsiisa kan tahe tokko Great Barrier Reef-  haa tahu malee kuma digdamii tokko 2100 keessa ni bada jedhamee sodaatama, yoo amma qabnee jijjiirama qilleensaa keenya irratti tarkaanfii hin fudhannu tahe. “

Great Barrier Reef kan jedhamu kun uumama addunyaa irratti dinqisiifamu dha.
Uumama dinqisiisaa kana kan miidhu bishaan ayinaa gahaatti qabaachuu dhabuu dha. Waggaa waggaan lafa lolaan miiccmu irraa wanneen adda addaa gara Galaana kanatti yaa’uun qurxummii, marga galaanaa fi wanneen galaana keessaa adda addaa hudhee qabuun, dandeettii galaanichi jijjiirama qilleensaa irraa dandamachuu danda’u irratti dhiibbaa geessisa.
Coral on the Great Barrier Reef - Image Greening Australia.jpg
Coral on the Great Barrier Reef - Image Greening Australia

“Greening Australia abbootii qabeenyaa lafaa naannoo fi Hawaasa Saboota Jalqabaa waliin ta’uun boolla bishaanii manca’aa jiru deebisee ijaaruu fi lafa jiidhina qarqara galaanaa jiru deebisuuf hojjechaa jira, isaanis bishaan osoo gara galaanaatti hin yaa’iin dura calaluun akka Kalee Galaanichaatti calaltuu fayyadamuun Galaanichatti kosiin haramee akka hin deemne godhu. Sagantaa keenya Galaanicha ittisuu jedhu bara 2016 jalqabnee kaasee, xuriin bishaanin guuraman toonii kuma afrtamii afur(44) ol tahu gara galaanaa akka hin dhaqqabne taasifneerra,  ammas battalumatti kana gochuun dhibbatti harka sagaltama (90) hir'isuu akka dandeenyu agarsiifneerra.” jedha Dr Parsons

 Dr Parsons akka jedhutti, Awustiraaliyaan heddummina lubbu qabeeyyii addunyaa keessaa tilmaamaan dhibbeentaa 10 kan qabdu yoo ta’u, baay’een isaa bakka biraatti hin argamu – ta’us Awustiraaliyaan addunyaa irratti sadarkaa gosoota bineensotaa baay’ee dhaban keessaa tokko dha.

“Dhimma naannoo ilaalchisee gabaasni dhiheenya bahe (  naannoon “ fayyaalessa tahuu dhabuu fi mancá’’aa jiraachuutu himame, yoo xiqqaate sirnoomni haala qilleensaa kudha Sagale(19) mallattoo kufaa jiraachuu agarsiisaa jira jedhame. Yoo amma kana tarkaanfii hin fudhatin, qabeenya uumamaa keenya miidhagoo tahan hedduu fi sirnooma haala qilleensaa keenya baraan dhabuu dandeenya, "

Jijjiirama qilleensaa deemaa jiru fi dhimma naannoo keenya (environment) irraa marihachuun sadarkaa gandaa, biyyaalessaa fi addnyaatti tattaaffii gochuu barbaachisa.

Garuu nam-tokkeenis jijjiirama fiduu ni danda’a, fakkeenyaaf amaloota keenya jijjiiruu dandeenya, naannoo kuufama bishaaniitti nui hunduu waan dansa hojjechuun naannoo keenya ofiifuu gogaa jiru fi gogii caalutti nu oofaa jiru waan gochuu dandeenyuun carraaqu dha jedha Dr Parsons.
climate.jpg
Catherine Ganter is a senior climatologist at the Bureau of Meteorology - Image BOM. Dr Blair Parsons is the Director of Impact at Greening Australia - Image Greening Australia.
“Naannoo magaalaatti warri ooruu qabdan, midhaan dhaloota biyyaa kan bishaan baayyee hin harkfne yoo qotattan amma ammaa bishaan obaasuu hin barbaachisu, akkasumas beyladdanifis bakka jireenyaa qabaadhaafii.  Ooruu keessan ganama barii fi galgala bishaan obaasuun bishaanis ni qusata akkasuma akka aaree hin dhumne ni gargaara."

Qilleensi gar-maleen jireenya uummataa fi caasaa biyyaa irratti balaa guddaa fiduu danda’a, kanaaf of qopheessuun barbaachisaa dha.

Qilleensa hamaaf of qopheessuu

  • Qilleensa kee beeki balaa isaas hubadhu kan jedhu caalaatti baruuf ’
  • Odeeffannoo jiru jala bu'i BOM waa'ee akeekkachiisa qilleensaaf.
  • gad guufadhu
  • Gorsa karaa tajaajila balaa hatattamaa hordofi 

Share