Banoota ol-aanoof Liqii argachuuf gahaa ni taataa?

Are you eligible for the Higher Education Loan Program?

Are you eligible for the Higher Education Loan Program? Credit: E+

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Awustraliyaanota gara miliyoona saditu liqii mootummaa karaa sagantaa liqii barnoota olaanoo HELP scheme jedhumu argata. Atis yoo barnoota yunivarsitii galmaa’aa jirta ta’e, ulaagaa kaffaltii barnootaa garasitti jijjirachuu guutuu dandeessa ta’a haga dalagaa argattee ofirraa kaffalachuu dandeessutti.


Tuqaalee Ijoo
  • Liqiin HELP jedhu irraa argattu haga ati hojii argattuutti siif eeggachiisa. .
  • Haga galiin kee waggaatti $51,550 gahutti kafaluu hin jalqabdu.
  • Liqii kanaaf gahaa tahuuf lammii Australia tahuu ykn visa kana si argachiisu qabaachuu qabda.
  • Liqiin si irra jiru hin kafalamin hafe Consumer Price index waan jedhuun ol dabalaa deema.
Australia keessatti yeroo barnoota olaanoof galmooftu, akkamitti kaffaltii barnoota keeti akka kaffaltu dirirfachuu qabda.

Barattoonni gariin liqii of irraa hambisuuf jecha kaffaltii barnootaa isaani dursanii of irraa kaffalu. Irra jireenyi isaani garuu liqii mootummaati dhimma ba’uun kaffaltii koorsii saani of irraa cufu. Sagantaan liqii mootummaa kun sagantaa liqii barnoota olaanoo ykn HELP jedhama.

Gosa HELP jiran keessaa

Sagantaa HELP scheme adda ta’e shantu jira, HECS-HELP fi FEE-HELP kan baayyee barataman dabalatee.

Akka Stephanie Stockwell, dubbi-himtuun muummee barnootaa jedhtutti, Ulaagaa liqii HECS-HELP guutuuf dirqama iddoo gargaarsa commonwealth (CSP) jirutti galmaa’u qabda.

CSP jechuun bakka barattoonni yunivarsitti galmaa’anii fi mootummaan gargaarsa kaffaltii hamma tokko kallattiin yunivarsitichaaf kaffale, kaffaltii waligalaa barataan barumsaaf kaffaluu qabu itti xiqqessudha.
Stephanie Stockwell, Department of Education spokesperson
“Haata’u male barataan kaffaltii hafe kaffaluu qaba kanaaf liqiin HELP isa kana cufuuf fayyada. Yoo ulaagaa liqii HELP kana guutan, kaffaltii barumsaa hafe ittiin cufachuu danda’u.” 'HECS-HELP kaffaltii barumsaa isa CSP irraa hafe cufuuf malee kaffaltii bakka jireenyaa fi baasiiwaan kaan cufuu hin danda’u.'

Aaddee Stockwell akka jettetti HECS HELP ykn FEE HELP argachuu danda’un bakka itti barattu irraatti hundaa’a.

Karaa biraatiin FEE-HELP ammo bakka kaffaltii guutuu itti kaffaltutti jechuun yunivarsiti Awustraaliyaa keessaa bakka gargaarsi mootummaa hin jirretti fayyada

Eessatti akka ati glmoofte irratti hundaawe gosa HELP ati argattu murtaawa.

Liqiin HECS-HELP fi FEE-HELP kaffaltii barnootaa cufuu qofaaf tahuu hubachuun barbaachisaa dha.
How is your HELP debt calculated?
How is your HELP debt calculated? Source: Getty / Getty Images/Kanawa_Studio

HELP kana argachuuf gahaa ni taataa?

yoo ulaagaa armaa gadii guutte:
  • Lammoii Australia tahuu fi yoo xiqqaate korsii kee keessaa haga tokko Australia keessatti barachuuf karoora yoo qabaatte.   
  • Visa Newzealand kan ammaa ykn kan duri ta’e kan ulaagaa hayyama jireenyaa yeroo dheeraa guutu fi koorsii guutummaa isaa Australia keessatti barachuuf murteeffate ta’u qaba.
  • Hayyama jireenyaa dhaabbataa ykn visaa gargaarsa namoomaa kan qabanifi yeroo koorsii isaani baratan Australia keessa kan jiraatanis ulaagaa niguutu.
  • Dabalataanis visaa paasfik ingeejimant warra qaban
  • Ogeeyyiin biyya alaas liqii FEE-HELP addaa argachuu danda’u, koorsii ce’umsaa barachuuf.

Liqiin HELP kee akkamitti herregama?

liqii HELP kan siif herregamu baayyina gosa barnoota ati fudhattu irratti hundaa’ee ti.

Bruce Chapman, profeesara ekonomiksii University Australian national duraani fi hundeessaa jalqabaa sirna HECS ti. Inni akka jedhetti kaffaltiin barumsaa turti waggoota barnoota irratti kan hundaa’u oso hin taane gosa barnootaani.

"Yoo digriidhaan galmoofte, semisteera duraa gosa afur fudhachuu malta, tokkoon tokkon gosa barnoota sani, kaffalti murtaa’e qaba, kanaaf kan walitti qabaa isaa si irra jiraata jechuu dha jechuu ibsa " professor Chapman.

“wagga tokko ibsuuf – gatii qarshii $3,000 ta’uu mala. Garuu wagga itti aanuu koorsii tokko qofaa yoo fudhatte, liqiin kee $500 qofaan dabala."


Happy Australian students
Horizontal color image of a small group of Australian university students from different heritages and backgrounds. Credit: funky-data/Getty Images

Liqii kee akkamiin of irraa kafalta?

Liqiin kee achuma taa’a haga ati dalagaa argattutti. Yeroo wajjirri kee ashuuraa galii keeti sirraa kutee hambisu, achumaan kaffaltii liqii kees dabalataan xiqqeessani sirraa kutu.

Kun kan ta’u garuu yeroo galiin waggaa kee sadarkaa murtaa’e tokko irrra ga’udha, profeesar Chapman akka jedhutti.

Yeroo ammaa sadarkaan sun waggaatti qarshii $51.500, jala amma kafaltee fixxuttis dablata gibira itti kafalta haga liqiin kee si irraa dhumutti.

Akka profesar Chapman tuqettii, liqii baankii wajjiin tokko miti.

“ Yoo namoonni rakkoo keessa galani, hojii isaani dhabani, ykn dhukubsatani ykn maatii maanguddoo tajaajiluuf ykn daa’ima guddisuuf, waa’ee liqii kaffaluu yaadda’uu hin qabani maalifi jedhnaan mootummaan booda funaana yeroo galiin isaanii fooya’u.” jedha.

Sababni isaa liqiin HELP galii kee irratti hundaawa, galiin nama hundaas adda adda liqiin HELP illee adda akkaataan of irraa kafaluuf karoorfatanis adda adda.

Akka lamatto. ;iqiin HELP liqii baankii irraa adda .inni yoo liqeeffatan yeroo murtaawe keessatti kan deebisanii kafalani dha jedha, Professor Chapman.
Liqii HECS irratti garu namoonni gariin galii guddaa qaban wagga shan keessatti ofirraa fixu, namni gariin ammo haga soorama ba'anitti illee hin fixan, kaanaaf baayye gargari.
Bruce Chapman, Emeritus Professor in Economics, ANU
Haga galiin kee galii daangessaa sana ga’utti yoo kaffaluu jalqabuuf dirqamuu baatte illee, liqiin sirra jiru akka dabaluu danda’u beekuun barbaachisaa dha.

" Heregni indexation liqiitti hidhatu waggaa waggaan jijjiirama, sababni isaa Consumer Price Index irratti waan hundaa'uuf jedhti" Stephanie Stockwell.

yoo biyya biraa yeroo hin beekamneef jiraachuu barbaaddee jiraatti mootummaan horii isaa si irraa ni deebifata. maallaqa biyya biraa irraa argattu beeksisuus qabda akkaataa liqii kee itti deebiftu akka sii mijeeffamuuf.

"Iyyannoo galfachuun salphaa dha"

Ulaagaa HECS-HELP ykn FEE-HELP guutnaan, si’uma tokko iyyachuu qofatu si barbaachisa turtii yeroo koorsii keetiif, Renee Hindmarsh akka jedhtetti.

“Barattoonni ulaagaa guutan gaaffi uunkaa /foormi HECS-HELPiif dhiyeeffachutu irraa eegama, kan yunivarsitii saniin kennamu. Uunkaa kanaaf wantoota akka Lakkoofsa Galmee gibiraaa /TFN ykn ykn iyyannoo galchatanii eegaa jiraachuu lakkoofsa kennameef dhiheessuu ykn ammo lakkoofsa addaa barataa USI kan jedhamu isaani isaan barbaachisa.”

Odeeffannoo dabalataa waa’ee gargaarsa maallaqaa mootummaan barnoota olaanoof godhu maarsariitii studyassist.gov.au irra ilaalaa.


Share