Obbo Mulee waliin dhimma fayyadama baankii ilaalchisee Kutaa 2fa

Composite image of Australia's 'big four' banks ANZ, Westpac, the Commonwealth Bank and the National Australia Bank. (AAP Image)

Composite image of Australia's 'big four' banks ANZ, Westpac, the Commonwealth Bank and the National Australia Bank. (AAP Image) Source: AAP

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Haala liqaa baankii qabaachuu irraa dhibee adda addaatti akka hin saaxilamne wanti nanmu eeggachuu qabu baayyeetu jiru, jedha obbo Muleen.


Jireenya mi’aawaa deemaa jiru kana keessatti namni tokko yoo rakkinoota qarshii deebisanii kafaluu qabaate baankii isaa waliin dubbachuun furmaata argachuu danda’a jedha.  Baankii ofii waliin dubbachuun, kan yoo bu’aa namaaf qabaatu ykn irra wayyaa tahee namatti mul’ate, dabraniis baankoliin biroo waliin wal bira qabanii ilaaluun, maammilummaa baankii tokkoo kan biraatti jijjiirrachuunis ni danda’ama, jedha.  Yaadota kana fakkaatan ilaalchisee ogeessota dhimmi ilaallatu marihachiisuun, rakkina utuu hin hubatamin nama mudatu oolchuun ni danda’amas jedha, obbo Muleen. Xumura irrattis, namni baayyeen keenya biyyoota biro irraa seeraa fi sirna biraatti dhufne, sirnoota jiran irraa hubannoo argachuuf laallee naannoo keessa deemu irraa murtii tokko fudhachuu irra, baallama qabatanii ogeessota dubbisuun bu’a qabeessas jedha.

Share