Baankii- Waanti hawaasni beekuu qabu maal?

Mulee Photo 2.jpg

Mulualem (Mulee) Tizazu Home & Investment Lending Associate Credit: Mulee

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Namni tokko baankii isaa waliin waan wal dubbatee ture irratti waan dabalaa yoo barbaade , ykn dhaamsa karaa hattoota interneetaa itti ergamu ilaalchisee isa mudate baankii isaa itti dhihaatee dubbisuun furmaata argachuu danad’a jechuun nuu hime, obbo Mulee Tizaazuu.


 
Baankiin hundumaaf tajaajila wal-qixaa kenna, iyyatnoo maammila isaas ni keessummeessa. Rakkinoota akka hattoota interneeta irraa akkaataan of-eeguu danda’an karaa salphaa tahuu baatu iyyuu, yoo siluma namni baankii irraan wal dubbatuuf baallamaan eegaa jirtu tahe malee nama hin beekneetti dhimma baankii keessanii ilaalchisee dubbatuu of eeguun gaarii dha jedha, obbo Muleen. Muuxannoo kiyya irraa, Baankiin karaa barreeffama, emailii ykn karaa biraan linkii tuqaa jechuun namaaf ergaa hin ergu.

Itti dabalees, baankiin maammila isaa ilaalchisee guutummaa galmee waan of biraa qabuuf , halaalaan bilbila kee, emailii kee, umrii kee fi teessoo si hin gaafatu jedha. uuxannoo koo keessattis jedha,

Karaan itti hattoota interneetaa of irraa ittiin of eegan kan biraan , mobila harkaa irraa yoo baankii fayyadamtu tahe app mobila keessanii yeroo yerootti haaromsuu (update) gochuu barbaachisas jedha. Yoo kan app kana utuu hin haaromsin waggoota sadii afuriif turan carraa hattoota interneetaan saaxilamuu guddisas jedha.

Akkaataan itti dhaamsi isinii dhufu irraa dhugaa fi dhara shakkuu itti dandeessanis yeroo baayyee warri dhaamsicha ergan akka dhaamsa hatattamaan deebi’uu qabuutti isinitti dhufa. Fakkeenyaaf, ariitiin qarshii baankii haaraa sitti ergine kanatti qarshii ergi yoo horii kana baankii sii erginetti galchuu baattee rakkootu si argata kan jedhufaa yoo agartan , dhaabbattanii yaaduu qabduu jedha obbo Muleen itti dabalee. 

Xumuraa fi kutaa lammaffaa torbee dhufutti dhiheessina.


Share