Australia keessatti meeshaalee elektrooniksii fi baatriiwwan akka itti deebisanii ofi irraa ergan

Australia Explained - E-Waste Recycling

The term e-waste implies no value. But used e-products contain materials, such as metals, which can be reused if appropriately recycled. Source: Moment RF / Javier Zayas Photography/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Meeshaaleen mana keessaa beekamoo ta’an hedduun kanneen akka bilbila harkaa, TV, kompiitara, chaarjii fi meeshaaleen elektirooniksii biroo, baatirii isaanii dabalatee, meeshaalee gatii guddaa qaban kanneen oomisha haaraadhaaf irra deebi’anii fayyadamuu danda’an of keessaa qabu. Meeshaaleen elektirooniksii nuti kana booda itti hin fayyadamne, ykn nu hin barbaachifne akka balfa-elektirooniksiitti ilaalamu. Guutummaa Australia keessatti sagantaaleen mootummaan deeggaraman kanneen balfa-elektirooniksii baasii tokko malee haala nageenya qabuun gatuu fi deebifamee ergamu taasisuuf haala mijeessan jiru.


Key Points
  • Australia keessatti, meeshaalee elektirooniksii hin barbaachifne bakka deebi’anii fayyadamuu fi balfa elektirooniksii walitti qabuuf murtaa’e keessatti of rraa gaggessuu dandeessu, bilisaan.
  • Baatiriiwwan lithium-ion kanneen kaan irraa haala adda ta’een qabamuu barbaachisa.
  • Tajaajiloonni fi bakki itti TV, Komputera, bilbila harkaa ykn meeshaa elektroniksii biroo isin hin barbaachisne naannoo keessaii itti gatuu dandeessan recyclingnearyou.com.au irraa argachuu dandeessu.
Akka Gabaasa Balfa Biyyaalessaa ( ) dhiheenya kana argameetti, kan Damee Jijjiirama Qilleensaa, humna, Naannoo fi Bishaaniif qophaa’etti, Awustiraaliyaan bara 2020-2021tti balfa elektirooniksii toonii kuma 531 oomishtee jirti.

“Kana jechuun lammiin Australia giddu-galeessaan nama tokkoof kiiloo 20 ol oomisha jechuu dha. Amma, sun giddu-galeessa addunyaa kan nama tokkoof naannoo kiiloo torbaa ta'e irraa baay'ee caala," jedhti Rebecca Gilling hoji gaggeessituu dhaabbata Planet. Ark.

"Sana keessaa gara dhibbatti harki shantamii afurii (54%) deebi’ee fayyadamuuf kan ergame yoo ta’u, isa keessaa dhibbatti harki soddomii shan(35%) qabatamaan deebi’aniiru .”

Baatiriiwwan meeshaalee balfa elektirooniksii yeroo baay’ee qodaa kosii guyya guyyaa keessatti yoo gataman dhiibbaa kan geessisani dha.

Baatiriiwwan Australia kanneen itti fayyadamaman harka dhibba keessaa sagaltamni(90%) bakka kuufama kosiitti gatamuun, naannoo summeessaa jiraachuutu tilmaamama.
解「識」澳洲 - 電子垃圾回收
When batteries are compressed and crushed in waste collection trucks and facilities, they can spark fires putting lives and the environment at risk. Credit: PhotoAlto/Milena Boniek/Getty Images
Garuu yoo sirnaan bakka gatamuu qabanitti gataman, qabiyyeen baatirchaa dhibbatti harki sagaltamii shan(95) wanna haaraatti jijjiiramee fayidaaf oola.

Angawoonni kutaa fi naannoo , caasaa mootummaan biyyaalessaa deeggaru waliin walitti hidhatiinsa uumuun, bakka baatiriiwwan manaa hojii isaa raawwate, wiirtuuwwan deebisanii erguu hawaasaa fi manneen daldalaa gurguddootti bakka itti gatan hundeessan.

Baatiriiwwan du’an bakka murtaa’etti yeroo gatan illee, balaa ibiddaa ka’uu irraa of eeguuf tarkaanfiin nageenyaa salphaan fudhachuu qabdu tokko jira.
We've seen evidence recently of a number of fires that have happened at recycling centres.
Rebecca Gilling, CEO of Planet Ark
“Namoonni Meeshaaleen kun  akka walitti bu’ee ibidda hin kaafneef akka muuccaa (sticky tape) xiqqoo itti maxxansanii ka’an ni jajjabeessina,” jedhti aadde Gilling yeroo ibsitu.

Baatiriiwwan lithium-ion kanneen idilee itti fayyadamnu, akka bishkiletti elektrikaa, fi scooter jedhamu dabalatee ulaagaa sagantaa deebisanii fayyadamuu karaa B-cycle ni guutu.

University RMIT Kan Mana Barmoota Saayinsii keessatti Professora Kabajaa kan tahe Tianyi Ma, baatiriiwwan lithium-ion meeshaalee guyyaa guyyaa itti fayyadamnu baayyee keessatti kan nuti yaadnu olitti faayidaa kennu jechuun dubbata.

"Xiqqaa irraa qabee haga warra gurguddaatti, xixiqqaan kanneen baatamee socho’amu akka bilbila harkaa ammayyaa, laptoppii, tablet fi akkasumas digital Camera warra tahan, gurguddaan ammoo  konkolaataa electronics jechuun Electronic Vehicles(EVs), motorcycle, fi kana irra iyyuu gurguddaan kanneen akka kuusaa humna elektriikaa,  warra akka qonnaa aduun taasifamu itti kuufamuufaa dabalata. “
Australia Explained - E-Waste Recycling
Lithium-ion batteries are also found in power banks and toys and come in different shapes and sizes. If a battery has “Li” or “Lithium” printed on it, you can safely assume it is a lithium-ion battery. Source: Moment RF / Kypros/Getty Images
Balaan lakkoofsa tokkoffaa irratti baatirii lithium-ion ilaalchisee jiru balaa ibiddaa ti, Lithiium ofifuu sibila akka hamaatti dhohu waan taheef.

Yoo mudaa qabaatan batriin isaanii dhohuu danda'a, sun ammoo summii gad-dhiisa, boba'aa fi kanneen akka dhoha gaazaa, akkasumas ibidda salphaatti dhaamuu hin dandeenye uumu.

Balaa kana hambisuuf, yaadota gorfaman fudhachuun barbaachisaa dha.

" Jalqaba dubbii, baatirii lithium-ion of keessaa qaban akka elektrummaan isaa qabatuu hin dandeenyetti bakka qabbanaa, qooraa fi qodaa elektrika dabarsuu hin dandeenye keessa kaa’i, jechuun gorsa Prof Ma.

“Manneen daldalaa elektirooniksii fi tajaajilli bulchiinsa balfa naannoo hedduun tajaajila baatirii deebisanii erguu ni kennu,” jechuun dabalata.

Manneen daldala kanneen akka  , , ,  and  tajaajila kana ni kennu.

Baatriin Lighium harkaan suuta naguma keessaa baasuun yoo danda'ame iyyuu utuu bakka deebisanii erguu murtaahe sana hin geessin dura, bakka xiyyoo muuccaa ykn tape elektriika dabarsuu hin dandeenya ifaa tahe itti maxxansuu dha.

Baatirii mudaa qabu, eeggannoodhaan qabi, jechuun gad-jabeessee dubbata Prof Ma.

Guutummaa Australia keessatti meeshaalee elektirooniksii deebi’anii sagantaan deebisanii erguu bulchiinsa oomishaa hedduutu jiru.

Sagantaa kana jalatti oomishtoonni fi galchitoonni oomishaalee akkasii tattaaffii deebi’anii erguu isaanii maallaqaan deeggaruu qabu.
Australia Explained - E-Waste Recycling
Did you know that e-scooters and bikes run with lithium-ion batteries? These, or in fact any battery, should never go in your household waste or recycling bins.  Credit: Solskin/Getty Images
Qindeessama Biyyaalessaa Deebisanii Erguu (Recycling Scheme) Television fi Computeraa . jalatti akkamiin TV fi komputeera dulloomaa bakki itti tola gatan Planet Ark irra Rebecca Gilling waan ibsite qabdi.

Salphaadhumatti namoota hedduu kan hirmaachise, bakka television fi komputeera akkasumas meeshaalee sanaan wal qabatan itti gatan yeroo hedduus gumii naannoo isaanittin bakka qopheessame, bakka irraa funaanamutti kan geessanii dha. Akka yaadaatti gumiin (council) naannoo bakka meeshaaleen elektroniks kun itti geessaman fi bakka deebisamee itti ergamuu qabu dhaqabsiisan ni qaban."

"Namootni kan beekuu qabanii fi itti quufuu qaban akka qaama sagantaa deebisanii erguu Televisoona Biyyaalessaa fi Komputeraa, meeshaaleen kumputeeraa, osoo bakka itti ergamuu qabanitti hin ergamin dursee waan irratti qabamaa ture (ykn data) meeshicha irraa akkaataa amansiisaa taheen ni haqaman."

Haa tahu malee, bakki itti geessanii buusan hundi saganticha jala jira jechuu miti, kanaaf naannoolee gara garaatti kaffaltii qabaachuu waan maluuf gumii gandaa naannoo keessanii irraa qulleeffachuun dansa.
Australia Explained - E-Waste Recycling
The Australian government runs a recycling program free to consumers for televisions and computers, including printers, computer parts and peripherals Source: Moment RF / Schon/Getty Images
Sagantaa Mobile Muster( jedhu kan mootummaan abboomse jalattis bilbilli harkaa bakka itti deebisamanii ergaman ni jira.

Louise Hyland, itti mataa ykn CEO Waldaa Telecommunications Bilbila Harkaa Australia qaama sagantaa industrii bakka itti deebisanii erganii gaggeessituu dha.

“Namni hundi yeroo bilbila harkaa isaanii jijjiirratan, data isaanii bilbila isa duraa irraa qaban gara isa haaraatti geddarachuu qaban, boodas irraa haquu qaban utuu deebisanii hin ergin.

"Garuu yoo akkas gochuu baatan, takka bilbila ofii achiitti buufnaan[...} dataa irraa qabanis tahe bilbillchi gatameera."

Sagantaa kana jalatti Meeshaaleen bilbila fi kanneen sanaan wal qabatan bakki itti buusamanii fi kara postaas osoo gatii itti hin baasnee deebisanii itti ergan ni jira.

“Bilbila harkaa gosa hundaa, kan humni baatirii ittiin guutamuu fi meeshaalee sanaan wal qabatan, kan ciccitan ykn caccabanis yoo tahe, akkasumas kanneen mana keessaa dhimmi itti bahamu hunda ni fudhna, " jedhti aadde Hyland.

"kunis guutummaa biyyaatti bakkoota 3000 tahan itti guuraman eessa akka tahe mar-sariitii mobilemuster.com.au jedhuu post koodii kee barbaaddee itti geessuu dandeessa – ykn kara mana postaa tola erguuf qodaa ittiin ergitu gaafatuu dandeessa."

“Salphaadhumatti marsariitii , irra deemaatii postcode keessan galchaa.”

Baatiriin bilbila harkaas yoo waliin deebisamanii ergaman kara Mobile Muster jedhuu bakka deebisamuu qabanitti ergamu, yoo kan hin ferca'amne tahe, baatriin kan kophaatti bahee jiru yoo tahe karaa sagantaa addatti battery-specific B-cycle jedhuu ergamuu qaba.

Meeshaalee elektronikaa ykn meeshaalee mana keessaa dhimma itti hin bahamne, karaa itti deebistee ergitu irratti fala jiru barbaaduu dandeessa, akkasumas naannoo keetii bakka itti deebistee ergitu mar-sariitii ykn website jedhu irra ilaaluu dandeessa.

“Namootni postcode isaanii itti galchanii, meeshaa deebisanii erguu barbaadan keessaa filatuu dhaan tarreessa jiru keessaa bakka itti erguu ykn deebisuu qaban naannoo isaanii jiru filachuu danda’u," jechuun ibsiti aadde Gilling.

"Kun balfaa elektronikaa qofa osoo hin taanee meeshaalee gosa hundaa kan deebisanii erguu barbaadan ykn kan deebisamee dhimmi itti bahamu erguu danda’u.”
Australia Explained - E-Waste Recycling
Recycled e-waste can get a new life, for example in road base and construction materials or new batteries, while valuable metals are recovered from dismantled devices. Credit: Mindful Media/Getty Images

Yoo meeshaan elektriikaa ykn batriin ibidda qabsiise maal goodhtan

Yoo meeshaan ykn bartiin aare ykn ibidda mul'ise:
  • Naannoo sana keessaa ba’uu fi yoo hamaa hin qabu tahe balbala cufaa, akka ibiddichi hin baballanneef, namni tokko akka gara mana keessaatti hin deebine sababa kamiifuu. Gaaziin baatricha irraa bahuu, danfi qilleensa keessaa, akkasumas aarri summii hamaa qaba, ibiddas qaba tasuma akka gad hin liqimsine.
  • Duwwaa sadii (000) bilbilaa akkasumas iddoo nageenya qabu dhaabadhaa haga warri ibidda dhaamsan dhufanitti.  
  • INamni kam iyyuu dhangalawaa elektiroolayitii, huuba qilleensa keessa ka'e, aarri ykn danfaa ykn abiddaaf saaxilame yoo jiraate gargaarsa yaalaa hatattamaa barbaadu qaba

Share