Australia keessatti taaksii kee hojjechiisuu

Australia Explained - Tax

From 1 July, if you are a resident for tax purposes, you are required to file a form declaring your earnings in the previous financial year against your tax deductions. Source: Moment RF / Neal Pritchard Photography/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Australia keessatti, Waxabajjii (June) 30 xumura bara herrega maallaqaa fi yeroo itti gibira hojjechiisan dha. . Dirqama kee fi waa sii debi''uuf gahaa tahuu kee beekuun adaba maallaqaa fi dogoggora hojjechuu irraa si oolcha. Kaffaltii deeggarsa maatii yoo argatte tahe, hojii mana irraa hojjette yoo tahes, akkasuma ammoo yeroo jalqabaaf taaksii hojjechiista yoo tahe, gorsa dhuunfaa bilisa si barbaachisuu maluuf maal akka goodhtu hubadhu.


Tuqaalee Ijoo
  • Taaksii hojjechiisuun dura haga ATO uunkaa gabaasa gibiraa keessan dursee guututti eegaa, kun yeroo isinii qusata dogoggoras isin oolcha.
  • Yeroo gibira hojjechiistatn dhaabbata taaksii hojjetan fayyadamuun maallaqa guddaa deebifattu jechuu miti, garuu waanneen guutamuu qaban irratti isin gargaaru akkasumas adeemsa ni saffisiisa.
  • Karaa Klinika taaksii ykn sagantaa gargaarsa taaksii waan siif deeb'uu maluu fi deggersa jiru ilaali.
Qorannoo kana irratti hundaa’uun Waajjirri Gibiraa Australia (ATO) waan sii deebisuu qabuu fi waan achii asi kafaluu qabdu yoo jiraate ilaalee murteessa.

Taaksii hojjechiisuun jalqaba kees tahe tahuu baatu, akkasumas yoo dhaabbata taaksii hojjetan(tax Agent) hojjechiista tahes tahuu baatus, muuxannoo itti qabaattus dhabdus , akkasumas ogeessota gibiraa hojjichiiftaa fi ofiin hojjetattaa,kamiifuu yeroo taksiin hojjechiisamuu qabutti of irraa gabaasuun kee barbaachisaa dha.

Gargaaraan Komishinara ATO(AustralianTaxation Office) kan ta’e RobertThomson, kaffaltoonni gibiraa hanga Onkoloolessa 31tti gabaasa gibiraa isaanii galchuuf yeroo akka qaban kan yoo karaa ogeessa gibiraa hojjechiisaniis yeroo dheeraa akka qaban dubbata.

"Kan jechuun jedha obbo Thomson yeroo ibsu, yeroo hojjechiisuu deeman baayyee salphataaf, ariifataafis akkasuma carraan waa irraanfachuu ni xiqqaata jedha.

"Yoo ofiif taaksii hojjechiisanis tahe dhaabbata taaksii fayyadamanis odeeffatnoon kun ni jira.," jedha.

Odeeffatnoon durfamee guutamu kaffaltii gargaarsaa ati argataa turte dabalata.

“Akka Justin Bott, Hogganaan Komiisiona Odeeffatnoo Tajaajila Hawaasaa Australia ibustti, odeeffannoon dursee guutame kaffaltii gaargaarsaa kam iyyuu kan isin argattan of keessatti qabata.

Tajaajillotni Australia akkaataa itti madaalan Gabaasa galii ati gabaaste fi galii qabatamaa ati dhuma wagga fayinaansii irratti argatten wal bira qabanii madaalu, kunis beeksisa ATO ega ati gabaasa gibiraa kee galchiteen boodaa irratti hundaawee ti.

Gamaaggamma ATO irratti hundaawee Itti bahi madaallii kun, tarii gargaarsa maatiif kan sii kafalamaa ture deebiftee kan kaffaltu ykn ammoo haga argachuu qabduu gaditti yoo argataa turte tahe Tajaajila Australia irraa maallaqa siif dabalamutu jiraata. Yoo galiin kee fi gabaasni galii kee wal madaale homaa gochuun hin barbaachisu, jedha obbo Bott ammasa.

"Ati ykn warri manaa kee dhuma waggaa irratti taaksii hojjechiisuu isin hin barbaachisu tahe nutii himaa sababni isaas odeeffatnoo akkasii ofumaan argachuu hin dandeenu. Ega Odeeffannoo kana arganneen booda madaallii isa ani hojjetnam, " jedha obbo Botti.

Namootni haarawa Australia dhufan waggaa dabreef taaskii hojjechiisuu isaan barbaachisuu isaa adda baafachuu qabu.

Yoo hojjechiisuu hin qaban tahe, hojjechiisuu akka hin qabne uunkaa ibsu ATO galchuu qabu.
Australia Explained - Tax
In Australia, taxpayers are entitled to the tax-free threshold. It means you can earn up to $18,200 each year without paying tax. Credit: jeangill/Getty Images
Hir’inni gibiraa baasii akka qaama hojii keessaniitti isin mudateef gaafachuun ni danda’ama.

Utuu hin gaafatin dura wanneen furtuu sadii yaadachuu qabdu jedha obbo Thomson ATO irraa:
  • Baasii sana ofuma keetii kan baafte tahuu qaba kan kanaan dura siif hin deebine jechuu dha.
  • Baasichi kallattiin isa ati argattu irraa tahuu qaba. 
  • Saniifis galmee dhugaa san ibsu akka nagahee qabaachuu qabda.  

Manaa hojjechuu

Malli baasii kee itti shallaguuf jiran sa’aatii manaa hojjettu tokkoof maallaqa murtaa’e (mala safartuu murtaa’e) ykn baasii kee qabatamaa (mala baasii qabatamaa) irratti hundaa’a.

Sababa kamiifuu, yeroo manaa hojjettetti waggaa guutuu sa'a hagama akka hojjette galmee ibsu ol kaa'uu qabda.

“Maar-sariitii ATO irra namootni maal akka gaafachuu qabani fi hin qabne hubachiisu , hojiilee addaa deebii taaksii itti hin gaafatne fi galmee barbaachisoos aakka qabaatan kan hubachiisu ibsamee jira.”
Australia Explained - Tax
If working from home, you need to keep records to substantiate any claims for tax deductions on expenses incurred. Credit: MoMo Productions/Getty Images

Deggersa jiru

Namootni waggaatti kuma jahatama ($60,000) gadi argatan taaksii isaanii hojjechiisuuf karaa ), deggersa argachuu malu.

karaa biraas, kan mootummaan biyyaalessaa maallaqaan gargaaruu fi ATO jalatti gaggeessamu garuu ammoo bilisa taanee dalagnuu dha.Guutummaa biyyaa keessas kilinika akkasii 15 ni qabna.

Ann Kayis-Kumar Universityy New South Wales Seera Taksii irratti Itti aantuu Professoraa (Associate Professor) fi hundeessituu gaggeessituu Kilinika Gorsa Taksii fi Daldlaa University NSW kan qorannoo fi gargaarsa adda addaa kennuu ti.

""Akka hubannaa namoota taksii hojjechiisaniitti namoota rakkoo maallaqaa fi muddama keessa jiran kan kara hawaasaa, gorsitoota qabaa maallaqaa (financial counsellors) tajaajila seeraa, barbaarsa lubbuu (Lifeline), fi gargaarsa hawaasaa gara garaa irra nutti ergaman gargaarra, jedhti.

Dhaabbilee taaksii gargaaramuu

Australiyanotni hedduun tajaajila dhaabbilee taksii gargaaramuudhaan taaksii isaanii hojjachiisu. Dhugumaan

Akka ) Prof Kayis-Kumariin gaggeessame ibsutti waggaaggaatti yoo xiqqaate maallaqa $180,000 yoo argatte malee dhaabbilee taksii (tax agents) gargaaramuudhaan taaksii hojjachiisuun mallaqa kan namaaf deebisiisu akka hin taane ibsa.

Dhimma kana kan ani waliin barreesse, Chris Evans fi Youngdeok Lim waliin qorannoo gaggeesse. Australiyanota waggaa afur keessa taaksii hojjachiisan miliyoona shan ol tahan ilaalchisee waan nuti agarre, kan nama raaju yoo maallaqa guddaa argatta tahe, sooressa yoo taatee dhaabbilee taksii gargaaramuun akkaan faayidaa qabaata, garuu kanneen maallaqa xiqaa argatn hangi isaan irra fayyadaman xiqqaa dha. Kanaaf, namootni haala adda addaatiif dhaabilee taksii gargaaramuu malu garuu annoo taaksii irraa waanqusatuuf hin qabu, " jedha.
Australia Explained - Tax
If using a tax agent to file your tax return, make sure that you’ve registered with them by 31 October and that they’ve notified the ATO. Credit: Edwin Tan /Getty Images
Yeroo taksii kee hojjechiisuuf dhaabbata taaksii gargaaramtu, seeraan kan galmeessamanii jiran tahuu isaanii adda baasadhu. Prof Kayis-Kumar akka gorsitutti.

“Boordiin ogeessota taaksii kan jalqaba itti bilbilamuu dha garuu namni dhaabbata taksii keessa dalaguu hayyamni isaa bakka mul’atu kaayyama, ykn seeraan galmaawee jiraatuu sakattatee barbaaduu fi baruu dandeessa.

Garuu yeroo hunda dammaqii ilaalii akka wara ATO fakkaatan gowwomsitoota akka hin taane.

Obbo Thomson bara 2023tti gowwoomsitoonni odeeffannoo eenyummaa dhuunfaa argachuuf kaffaltoota gibiraa qunnaman dhibbeentaa 60n dabaluu isaa ibsa.

Isaan kun balínaan gowwomsitootni akkaataa Eenyummaa kee itti baran, kanneen akka maqaa, teessoo, lakkoofsa MyGov fi Lakkoofsa Galmee Gibiraa ykn credit card dabalata.

" Dhaabbadhuu of gaafadhu, dhaamsa ykn bibilli sitti dhufe sun dhugaa irratti kan hundaawe tahu of gaafadhu, MyGov kee irraas hidhaa hin furgaasin ykn hyperlink argitu hin banin.  Yeroo hunda kophaatti marsariitii irratti My Gov ykn ATO jedhii barreessi ilaali," jechuun akeekkachiisa obbo Thomson.

"Yoo kan odeeffatnoo ATO kee beekumsa keen ala wanti biraa dogoggorri wa’ii tahe argite nu qunnami."
Australia Explained - Tax
Some Services Australia payments, like those relating to flooding and natural disasters are taxable and you need to add them manually on your tax return. Source: Moment RF / Songsak rohprasit/Getty Images
Useful links 
  • For tax-related topics on Centrelink payments and services, you can find information in your language or call the Centrelink multilingual phone service on 131 202. 
     
  • if you got Family Tax Benefit or Child Care Subsidy in the past financial year. 
  • If you paid tax in another country for the past financial year, you may be able to claim in Australia a foreign income tax offset. Check the eligibility criteria  
  • is a free record-keeping tool in the ATO app 
     
  • Find out about the Tax Clinic Program  
  • If you earn $60,000 or less, you may be eligible for help to lodge your tax return through ATO’s Tax Help program. Learn more . 
  • Information for tax-related topics is available in different languages on the ATO website. Visit  

Share