Utuu Galaan keessa daaktuu yoo Shaarkiin sitti dhufe maal akka gochuu qabdu

Man swimming by shark in sea

Sharks are an important part of the marine ecosystem, and having a better understanding of them can reduce the risk of a shark encounter. Credit: Westend61/Getty Images/Westend61

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Australian qarqara galaanaa kiiloo meetira kumaatamaan lakkaa'amu dinqisiisoo namootni itti bashannanaan, itti wal argagn fi yeroo ho’aa itti qabbaneeffatan qabdi. Garuu eeggannoo nageenya galaanaa irraa hubannoo qabaachuun balaa bishaaniin wal qabatee nama mudatu xiqqeessuuf gargaara. Kunis shaarkiin balaan nama irraan geessisuu akka maluu fi akkamitti of eeggachuu akka barbaachisu, amala shaarkii hundaa beekuu fi ittisa akkamii akka ofiif gochuu qaban dabalata.


Key Points
  • Shaarkiin bineensota apex predators yoo ta’an madaallii sirna ikoo galaanaa eeguu keessatti gahee murteessaa qabu.
  • Qajeelfama nageenya qarqara galaanaa hordofuu fi qarqara galaanaa to’attootni jiran dhaquun balaa taatee shaarkii xiqqeessuu danda’a.
  • Bishaan keessatti shaarkii waliin wal arguun muuxannoo sodaachisaa ta’uu danda’a, garuu tasgabbaa’anii suuta duubatti deebi’uun barbaachisaa dha. Dugda itti hin kenninaa
Australian Shaarkii hedduu kanneen akka Great White Shark, Tiger Shark, Hammerhead Shark, Bull Shark, fi Shaarkii gosa biroo qabdi.

These creatures preserve marine health and balance, acting as apex predators and scavengers.

Saayintistiin shaarkii Dr. Pool Butcher, walmadaalummaa ikoloojii sirna galaanaa eeguu keessatti gahee murteessaa isaan qaban cimsee ibsa.

"Shaarkiin baay’ina gosoota adamsitootaa to’achuudhaan al-kallattiin guutummaa toora nyaataa irratti dhiibbaa geessisu. Gosoonni tokko tokko garmalee akka olaantummaa hin qabaannee fi madaallii ikoloojii akka hin jeeqne gargaaru."

Amala Shaarkii beekuu

Dr. Butcher Kutaa Industirii Sadarkaa Duraa NSW keessatti Saayintistii Qorannoo Muummee ti.Qorannoon isaa namoota gara qarqara galaanaa NSW deemaniif saayinsii irratti hundaawee balaa shaarkii xiqqeessuuf fi eegumsa tahu irratti xiyyeeffata.

Amala shaarkii fi bakka jireenyaa isaanii hubachuun yeroo galaana bira jiran balaa shaarkiin miidhamuu xiqqeessuu danda’a jedha.
It's essential to recognise the importance of these creatures in maintaining the health of our oceans and the broader environment. Despite their intimidating appearance, sharks are truly wondrous animals that deserve our respect and protection.
Dr Paul Butcher
yVUSWJhA.png
A shark seen from the Surf Life Saving aerial surveillance helicopter – Image: Surf Life Saving Australia.
Dr Butcher akka jedhutti, New South Wales keessatti shaarkiin adiin waggaa waggaan Caamsaa fi Sadaasa gidduutti qarqara galaanaa irratti baay’inaan mul’achuu danda’a, shaarkiin Bull Shark jedhamu ammoo Onkoloolessa hanga Caamsaa fi shaarkiin tiger waggaa keessatti yeroo kamiyyuu mul’achuu danda’a.

"NSW keessatti yeroo sharkii jedhamuun hin beekamu. Shaarkiin waggaa guutuu bishaan NSW keessatti kan argamu yoo ta’u, Shaarkii Adiin ho’a galaanaa bal’aa irratti argama. Bull Shaark  ammo yeroo ho’i bishaanii digrii 20 ol ta’u ni argamu. Shaarkiin adii gara walakkeessa guyyaa sa’aatii 11 irraa eegalee qarqara galaanaa  irraa kiiloo meetira tokko keessatti kan argaman yemmu tahu bull sharkiin gara walakkeessa guyaa irraa eegalee waaree boodaa haga halkan walakkaatti mul’atu.”

Balaa taatee shaarkii xiqqeessuuf qajeelfama nageenya qarqara galaanaa barbaachisoo ta’an tokko tokko hordofuu qabna jedha Dr Butcher.
Only swim at patrolled beaches and stay between the flags, because surf lifesavers and lifeguards are there to monitor beach and water conditions and maximise the safety of all beach goers. Try to avoid surfing by yourself or when there are plenty of baitfish and diving birds about.
Dr Paul Butcher
iApybPDQ.jpg
Dr Paul Butcher – Image: New South Wales Department of Primary Industries.

Nageenya qarqara galaanaa

Dr Jaz Lawes, ogeessa ikoloojii qorattuu nageenya qarqara galaanaa ti. Waan dhalli namaa naannoo isaa waliin taasisu hunda irratti qorannoo gaggeessuuf fedhii kan qabduu fi garee qorannoo Surf Life Saving Australia kan hoogganu/tu dha karaa nageenya ofii eeggatanis gorsiti.

The best advice to reduce the risk of being bitten by a shark are to avoid swimming after dusk, during night or before dawn. We also recommend to swim with a buddy, that is to avoid swimming alone.
Dr Jaz Lawes
Gorsaa fi tuqaa jajjaboon gorfaman, balaa shaarkiin ciniinamuu hir’isuuf ega dhihee booda, halkanii fi barii jala bishaan keessa seenuu dhiisuu dha. Akkasumas qophaa daakuu irra hiriyaa waliin deemuun akka wayyu gorsina jedhti.

Yoo kan galaana keessa jirtuu, yoo akkuma tasaa shaarkiin sitti dhufe amalli isaa maal akka tahe dursanii baruun gaarii dha.

"Yoo bishaan keessa jiraattee shaarkiin sitti dhufe, haala tahaa jiru hundooftee amala isaa ilaaltee akkaataa jalaa bahu yaaluu dandeessa.   Yoo gammadaa ykn jeeqamaa tahee mul’ate, akka ariifachuu ykn dafee dafee sitti adeemu ykn gaarreffannaan kan sitti adeemu tahe dafii callisaan bishaanicha keessaa bahi. Bishaan borcuu fi Sagalee bishaanii dhageessisuu irraa akkasumas sochiilee shaarkii aarsuu malu utuu hin mulísin bahuu dha, Shaarkii kakaasuu, rakkisuuf yaaluu fi sossobuu hin yaalin. ”

Dr Paul Butcher akka jedhuitti haleellaan shaarkii dabree dabree haa tahu malee qophaa’uu fi bishaan keessa osoo jirtuu shaarkiin yoo si mudate akkamitti deebii akka kennitu beekuun ogummaa dha.

"Bishaan keessa osoo jirruu shaarkii waliin wal arguun muuxannoo sodaachisaa ta’uu danda’a, garuu bir’achuu dhiisuun barbaachisaa dha.  Socho’uun yoo si barbaachise suuta jedhii fi haala gaariin socho’i. utuu ijaa fi ijaan wal ilaalaa jirtanii of booda deebi’i. Garuu tasuma dugda kee  itti hin laatin.
Yoo daakaa ykn cillinfoo bishaan keessa seenaa jiraattan, bishaan keessatti hin jajallatinaa.  Shaarkiin bishaan jalaan nama haleeluutti beekama,  sochii xiqqeessuun gaarii dha.  Yoo nama baayyeen gartuun jirtu tahe Shaarkiin nama hedduu haleeluuf carraan jiru xiqqaa dha."

Australian, Surf Life Saving fi Australia’s network bal’aa biyyaalessaa keessatti walitti makamee kan surf lifesavers fi lifeguards kan namoota qarqara galaanaa dhaqan eegu qabaachuu isheetiin carra qabeettii dha.

“Lubbu baraartotnii fi ogeessotni daakaa namootni qarqara galaanaa deemanii fi bishaan keessas jiran akka hin miidhamneef ittisuuf leenjii ol’aanaa qabu.  Shaarkiin jiraachuu isaa tooftaalee adda addaa Kanneen akka drone fi helickopter fayyadamuun arguu danda’au. Yoo shaarkii argan lubbu baraartotnii fi ogeessotni waan Sagalee dhageessisu fayyadamuun akkasumas alaabaa diimaa fi adii mul’isuun akka namootnidhagahanii fi arganii  hatattamaani bishaan keessaa bahan ni taasisu."  


49z6b0Zw.jpg
Impact ecologist and beach safety researcher Dr Jaz Lawes from Surf Life Saving Australia – Image: Surf Life Saving Australia.
Taatee balaa ittisuuf qorannoo fi to'annoo

Mootummaan naannoo kan Australia tokko tokko tooftaalee itti balaa ittisan adda addaa qabu, kanneen akka Shaarkiitti mallattoo gochuu.

Mootummaan NSW sagantaa mallattoo shaarkii inni qabu addunyaa irratti isa guddaa dha.

Dr Butcher akka jedhutti, shaarkiin mallattoo itti godhame jedchuun yoo shaarkiin sun bishaan keessa jiraate namootni akeekachiisa sana bibila isaanii irraan argachuuf danda’au jechuu dha.

"Shaarkoonni kontiraaktaroota keenyaan eenyummaan  isaani  Mallatteeffamee jira. Shaarkiin mallatteeffaman hundi sana booda neetworkii daandii dhaggeeffannaa  mallatteeffaman 37 qarqara galaanaa NSW irratti argamuu danda’a.

Yeroo shaarkiin tokko meetira 500 keessatti Bishan keessatti argamu daandii dhaggeeffannaa kana keessaa tokko, akeekkachiisni battalaa gara appii SharkSmart ergam WA dabalatee.

Namoonni qarqara galaanaa deeman appii/application kana buufachuun Akeekachiisa yeroo, bakka fi mallattoo shaarkiin jira jedhuu argachuuf danda’u.

Shaarkii to'achuun barbaachisaa dha, kanaaf dammaqoo tahuu fi kabaja itti agarsiisuunis

Kunuunsi shaarkiis barbaachisaa dha, kanaaf dammaqoo tahuu dha garuu sodaachuu dhiisuu, warreen galaana keessa jiran kana kabajuun gaarii dha, jedha Dr Butcher.

"Shaarkiin waggoota kumaatamaaf yaada namoota addunyaa maraa, keessattuu kan namoota saboota jalqabaa waggoota kumaatamaaf qabataniiru, kunis seenaa fi aartii dhalootaa akkasumas ogbarruu ammayyaa, fiilmii fi aartii keessatti wabiiwwan aadaa bal’aa ta’an argamsiiseera. Hawwitiin aadaa kun hubannoo fi fedhii kunuunsa galaanaa dabaluutti gumaacheera - kunis waan barbaachisaa dha.”
Swimming with sharks
It is crucial to be prepared and know how to respond in case of a shark encounter in the water. Source: Moment RF / Khaichuin Sim/Getty Images

Gorsa tokko tokko yeroo galaana keesssa daakan

  • Bakka to'attootni jiranii fi bakka alaabaa diimaa fi keelloon daangessame keestti daakaa. s
  • Naannoo bishaaniitti yeroo hunda ijoollee irraa ija hin fuudhinaa.
  • yoo harka ykn qaama irraa madaa qabaattan bishaan hin seeninaa. .
  • Daakaafis tahe cillinfoo nama waliin wayya
  • Naanawa bishaaniitti farshoo fi qorsa summii dararkeessuu hin fidinaa.
  • gorsaa fi gargaarsa warra surf lifesavers ykn lifeguards irraa fudhaa
  • Mallattoolee naanawa qurxummin mataa battatu (bait fish) jira jedhu hubadhu. lafti itti qurxummii nyaachisan, shimbirrowwan bishaan irra jiran kun hund agarsiiftuu gaarii dha.
  • Doorfiniin (Dolphins) jiraachuu jechuu shaarkiin hin jiran jechuu mit Lachuu iddoo tokkotti nyaanchifamu , shaarkiin ammoo Doorfiin nyaachuutti iyyuu beekama.
  • Akkaataa itti shaarkiin jiraachuu bartu tooftaa ofii kees qabaadhu
  • Daangaa kee fi haallan ittisa tahan baruun gaarii dha.
  • Tola ooltummaa hojjechuu yoo barbaadde qunnami.
  • odeeffatnoo dabalataaf ykn asii gadi buufadhu

Share