Yeroo ho''aa akkamiin nagaa fi qabbanaan keessa akka dabramu waa shan gorsama

Loving couple at the beach

tips to keep safe and cool during an Australian summer - Getty Credit: andresr/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Wagaa ho'aa kana keessa waan qaamni kee barbaadu qaama offii dhaggeeffachuun barbaachisaa dha, keessattuu yeroo ho''a hamaa keessa kun baayyee barbaachisaa tahee argama. Ho''a Australia kana keessa dabruuf wanneen asi irratti gorfaman hordofaa.


Key Points
  • Yeroo hoáa kanatti bishaanii fi kanneen electrolyte qaban dhugaa
  • Yeroo ala deemtan sunscreen kan SPF 50 jedhu ykn humna kana caalu fayyadamaa
  • utuu ala hin deemin yeroo hunda iyyuu odeeffannoo UV irratti kennamu adda baafadhaa

"Qaamni keenya maashina sirriitti qindaa'ee hojjetame dha. Termoostaatii of keessaa qabu kan ho'a qaama keenyaa tasgabbeessuuf nu gargaaru qabna,'' jechuun ogeessi fayyaa Sydney jiraattu Angelica Scott yaada ishee qooddi."

Ho'á qaamaa tasgabbeessuuf qaamne karaa gara garaan hojjeta.

Karaa physiology deebii ho'aaf kennuuf

Yeroo qilleensi ho'u qaamni keenya tooftaa adda addaa fayyadamuun ni qabbanawa, inni guddaan karaa dafqaan jedhti Dr Scott.
When it’s hot, our sweat glands release water or sweat, which then evaporates from our skin and helps break away the heat and cools the body down.
Dr Angelica Scott
Dafqaan alattis hiddi dhiigaa gogaa keenya keessa jirus ni bal’atu ykn ni banama, kunis ho’a karaa gogaa akka gadi lakkifnu nu dandeessisa.

“Kanaafi kan yeroo ho’u fuulli nama diimatu jedhti" itti dabaltee.

Dr Scott ammas adeemsa qaamaa ‘ho’a balleessuu’ jedhamu kan yeroo qilleensa ho’aa uumamus ni taha jedhti.

“Qaamni kee ho’a sana wiirtuu kee irraa fageessee gara qaama qarqara jiraniitti sochoosuu yaala, kana jechuun hirree, harka luka kana kana irraa dafqi ni mul''ata jechuu dha. "
Dafqatti fi gogaan namaa diimachuutti dabalee ho'i, hafuura kutaa fi daddaffiin hafuura baafachuu namatti fida jedhti, Dr Scott. Ho'i ulfaataan, ho'a barame irra cimaa dha jedhti.

Ho'i beekamaan mallattoolee jiran yeroon namatti agarsiisan, ho'i garmalee ammoo dhukkuboota ho'atti hidhatan fi ho'a gar-maleetti geessuu danda'a jechuun akeekkachiifti Dr Scotti.

Professor Ann Cust, Chair of ’s National Skin Cancer Committee, suggests that people should prepare for a hotter summer.

Professor Ann Cust , Gaggeessituu Gumii Kaanserii kan Koree Biyyaalessaa Kaanserii Gogaa, namootni ho''a cimaa kanaaf of qopheessuu qabu jedhti.

“Jijjiirama qilleensaatiin lammiileen Australia yeroo alatti dabarsuun rakkisaa ta’a. Wantoota akka ibidda bosonaafi lolaa fi jijjiirama qilleensaa wajjin kan dhufu hunda qabna. Haalli qilleensaa garmalee kun waan nuti ilaaluu qabnu dha. "

qabbanaa fi nagaan keessa dabruuf wanneen gorfaman

Guyyoota bonaa ho’aa ta’etti garmalee ho’uu ykn dhukkuboota ho’aan walqabatan akka hin uumamneef, Dr Scittu gorsa armaan gadii akka hordoftan gorsiti.

1. Bishaan ykn electrolyte fudhachuun qaama kee soori

" Bishaan dafqaan si irraa bahe guyyaatti bishaan baayyee dhuguun bakka buusi. yeroo hunda bishaan baadhattee deemuun barbaachisaa dha.

" Yeroo tokko tokko waan bishaan baayyee dhugnu nutti fakkaata garuu dhugaan isaa baayyee akka hin dhugne mul'isa. Dhugumatti guyyaatti bishaan litira sadii dhuguutu nu irra jira.

Yeroo ho'aa waa dhuguutti gamuun keenya ifaa dha, garuu dhugaatii alkoolii fi soodaafaa of irraa dhiisaa jedhti Dr Scott.

"Namootni soodaa dhuguun dheebuu waan bahan godhanii fudhatu, garuu soodaan shukkaara ol-aanaa waan qabuuf dheebuu baasuu keessatti qooda hin qabu.

"yoo dhugumaan bishaan dhugdu san mi'eeffachuu barbaade illee dhugaatii ispoortii irra wayyinna, sababa electrolytes sii kennuu danda'uuf.

2. Nyaata tokko tokko of irraa dhiisuu qabdu

"Fuduraa fi kuduraan nyaata ho'a keessa nyaachuu qabdani dha. Keessattu nyaata bishaanummaa of keessaa qaban akka bixxiiqii ykn watermeloon , kumumbera kkf isin gargaaru.

Dr Scotti nyaata sasalphaa, akka salphaattis garaachi daakuuf salphatu filachuunis ho'a qaamaa to'achuuf ni gargaara jedhti.

" Nyaatni ulfaataan akka shukkaarawaa tahan qaama keetti hojii ulfaachisuun ho'inni qaamaas akka ol ka'u taasisu.
Cheerful woman gardening in backyard
Stay hydrated throughout the day as a critical preventive measure against heat exhaustion. Credit: The Good Brigade/Getty Images
3. Yaadadhaa waa shan: haguugduu ijaa(sun glasses, uffata, sunscreen, gonfoo mataa fi gaaddisa.

Emma Glassembury, Itti-mataan SunSmart, guba aduu fi balaqqee UV irraa of ittisuuf waa shan gochuu qabdu jedhti.

Kunis ittisaaf kan gargaaru wanneen shanan, kan akka uffata uffatuu, gonfoo baláa mataa irra keeyyatuu, haguugduu ijaa (sun glasses) keewwatuu, bakka wayyaan hin dhaqabne gogga qaamaatti ittisa ifa aduu (sunscreen) dibatuu fi gaaddisa jala turuu dha.

" yeroo qarqara galaanaa deemanii fi bishaan waliin waan wal qabate bashannana deeman adu irraa of ittisuuf of qopheessuun waanuma jiru tahee utuu jiruu, garuu sochiilee guyya guyyaa kamuu keessatti aduu irraa of eeguun arbaachisaa dha jedhti aadde Glassenbury.

"SunSmart, kan yeroo dheeraaf sagantaa ittisa kaanserii gogaa tahee addunyaa irratti hojjetaa ture yeroo dhihoo asitti Victoria keessatti duula aduu of irraa ittisuu eegalee jira.

"Maal akka hojjettu rakkoo miti; yoo saree deemsista tahes, yoo owuruu kee keessa jiraattes ykn yoo ijoollee boroo kee xabachiista tahes ittisa aduu dhimma bahi, osoo ala hin bahin dura Sadarkaa UV meeqa irra akka jiru ilaali. Yoo sadii fi Sanaa ol tahe wayyaa uffadhu.”))


4. Sochii keessan guyyuu haala qilleensaa fi safartuu UV irratti hundaawaa  

."Utuu ala hin bahin dura ykn sochii alaan dura, haala qilleensaa guyyaa sanii ilaalaa jedhti Dr Scott.

“Haala qilleensaa ilaaluun of qopheessaa.

" Yoo qilleensi ho'i ol ka'aa tahuu bartan sochiilee alaa of irraa dhiisaa. Walumaa gala yoo danda'ame gara guyyaa naannoo sadiitti gar-malee sababa ho'uuf bahuu irraa of ittisaa. "

Dabaltaanis Professor Cust utuu manaa hin bahin safartuu balaqqee UV ilaaaluun barbaachisaa dha jedhti.
Dhaabbataatti Balaqqee UVtti saaxilamuun kaanserii gogoof sababa jalaqabaa ti.

Australia keessatti balaqqee UVf ni saaxilamna, kanaaf  kanseriin gogaa Australia fi New Zealand keessatti dachaan kan auwuroophaa keessaa irra caalee akka argamu yaaduun nama hin dhibu jedhti. professor Ann Cust.
She emphasises that UV radiation cannot be seen or felt and, that it is not dictated by how hot the day is.

"Yoo guyyichi diilalla tahe, safartuun UV ol kaáa tahuu dandaá. Kanaaf, yoo naannoon qabbana fakkaate, yeroo tokko tokko alli diilalla fakkaatee, garuu ammoo safartuun UV hedduu ol kaúu dandaá."
Asian mother applying sunscreen lotion to protect her daughter's face before exercise while setting on floor in the park at outdoors
Most places in Australia have a UV index that peaks at around 12 to 14 in the summer months Credit: Six_Characters/Getty Images
5. Human ofii beekuu fi dabraa of dadhabsiisuu dhiisuu

Akka Dr Scott jedhtutti, yoo salphaatti nama dadhabu taatan, sochii qaamaa sa'a dheeraaf ho'a keessa gaggeessuu hin dandeessan yoo tahe, akkasuma nagummaan isinitti hin dhagahamu tahe qaama keessaniif boqonnaa kennuun barbaachisaa dha. humnaa fi dandeetti qaama ofii beekuun barbaachisaa dha.

" Garuu yoo aduu keessa deemuu, sochii qaamaa gochuu jaallatu tahe waan qaamni keessan isinitti himu of dhaggeeffadhaa. yoo kan humnaa ol itti of dhiibdan tahe dhiisaa boqonnaa fudhaa, mala itti qabbaneeffattanii fi qaama keessan bishaan gahaa argachiiftan yaalaa. "

" Aadde Glassenbury, yaada Dr Scott irratti walii galuun, "Biyya hawwattuu bakka banaa bareeddina qabdu keessa jiraanna, garuu ammo yeroo Sadarkaan UV akkaan hamaa tahu kan kaanserii gogaa qabsiisuu tahuu dandaá. Kanaaf namootni ala gadi bahanii akka gammadan barbaadna, garuu yeroo sadarkaan UV 3 ykn Sanaa ol tahu qaama isaanii irratti uffatuu qaban ykn ifa aduu irraa dhorkuu qaban."jedhti.


Naannoo keetti safartuun UV meeqa akka tahe ilaaluuf , asi tuqi.

Akkasumas iIttisa Balaqqee UV Kan Australia fi Dhaabbata Nageenya Nuclear ilaaluuf asi

Share