Akkaataa tajaajila yaalaa gatii gad-bu’aa Australia keessaa argachuu dandeessan

Happy female gynecologist looking at smiling man touching stomach of pregnant woman in clinic

Credit: Maskot/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Tajaajilli fayyaa gosa hedduun kanneen akka ogeessa fayyaa ofii ilaaluu, laalama dhiigaa fi kanneen biroo , Raajii ka’uu, scan adda addaa fi tajaajila baqasanii hodhuu hundaaf kkf Medicare qabaachuun qarshii namaa hir’isa. Maallaqa hir’isuun karaa Medicare tahu ogeessa fayyaa ijaa biratti wagga wagga ija ilaalamuuf akkasumas taliillii daa’immaniif nama gargaara.


Tuqaalee ijoo
  • Medicare fi Sagantaan qorsa gatii gadi-bu’aan(Pharmaceutical Benefits Scheme) jedhu qaama waliigala sirna eegumsa fayyaa Australia ti.
  • Warreen Medicare Card qaban tajaajila fayyaa yeroo barbaadan xiqqoo ykn ammoo hamaatuu hin kafalan
  • Yoo Ogeessa fayyaa "bulk bill" fayyadamu bira deemte kiisha keessaa homaa hin baaftu
  • Lammiileen Australia, jiraattotni dhaabbataa akkasumas baqattootni Medicare qabaachuun tajaajila fayyaa tola ykn qarshii xiqqoon argatu
Lammiileen Australia, jiraattotnii dhaabbataa fi baqattootni kununsa fayyaa fi qoricha bilisaa ykn gatii xiqqaa argachuu kan danda’an sirna eegumsa fayyaa waliigalaa Australia kanneen akka Medicare argachuuf galmaa’uudhaan.

Medicare(Medikeeriin) qorsa ogeessa fayyaan ajajame gatii xiqqaan akka namni argatuuf, sagantaa bu’aa qorsa gatii gadi xiqqaa jedhu (Pharmaceutical Benefits
(PBS) waliin hidhata gaariin hojjeta.

Tarkaanfiin jalqabaa dura karaa maarsariitii Tajaajila Australia (S.) Medicare argachuuf galmaa'uu dha

"Erga Medicare (Mediikeeritti) galmooftee booda, Tajaajilli Australia(Services Australia) Kaardii Medicare kee sii ergu, yeroo ogeessa fayyaa kee bira deemtu badhattee deemuu qabda" jedha Hogganaan Odeeffatnoo Hawaasaa Australia obbo Justin Bott.

"Medicare kun nama hundaaf lakkoofsa addaa tahe of irraa qabaata, Medicare kee iddoo tajaajila fayyaa barbaaddutti keessattuu qorsa bitachuuf, ykn ogeessi fayyaa kee biratti maallaqa xiqqaan akka ilaalamtu si gargaara. Gatii gadi bu’aan ilaalamuu ykn  ammo bulk bill waan jedhamu waan jiruuf tasuma si kafalchiisuu dhiisuus danda’a."

Yoo fayyaan si dhibe maal godhta

Australia keessatti yeroo dhukkubsattu, yoo hatattama tahe irraa kan hafe, jalqaba ogeessa fayyaa kee arguu qabda, klinikatti ykn bakka wiirtuu fayyaatti. Yoo dhibeen kee hatattama tahe, kallattiin Kutaa balaa tasaa mana yaalaa deemuu qabda.

Haa tahu malee, haalawwan baayyee keessatti namootni yeroo dhukkubsatan qorannoo fayyaa barbaadan nama akka Dr Douglas Hor, ogeessa fayyaa kan woggoota kurnaniif naannoo Kaaba Siidni ogeessa fayyaa ture bira deemaa turan.
The GP in Australia can probably handle 80-90 per cent of most conditions the patient comes in to see the doctor for... Whatever comes in through the door, they’ll treat.
"Ogeessi fayyaa Australia keessa jiru haalawwan dhukkubsatootni ittiin dhufan keessaa  dhibbatti harka saddeettamaa haga sagaltamaa ofuma biratti ilaaluu danda’u. Waan fedheenuu haa dhufanii tajaajiluu danda’a." 

Ogeessi fayyaa tarii dhukkubsattoota isaa laalama dabalata

"Mallattoolee ati itti himattu si dhaggeeffata, dhibeen kee maal akka tahe ega mirkaneeffatee booda tajaajilli akkam akka barbaachisu hunda namaa ibsuu yaala. ogeessi fayyaa ofii irra caalaatti guutummaatti nama gargaaruu danda'u,"jedha Dr Hor itti fufee.

Ogeessi fayyaa tarii dhukkubsattoota isaa laalama dabalata ykn adeemsa yaala biro akka argataniif isaan erguu ni mala. Kanneen akka ogeessa fayyaa sammuu, ykn mana yaalaatti erguu danda'a. Haala hamaa keessatti dukkubsattotni gara mana yaalaatti ergamuu ni malu. Ogeessi fayyaa akkasumas illee waraqaa qorsa ittiin bitatan kennuufii akkasumas taliillii akka fudhatan gochuu illee ni danda’a.
Karaa Bulk-Billing- akkamitti qarshii ofii deebifachuun danda'ama

Some medical services may be fully subsidised by Medicare, or only covered in part. This means patients may sometimes need to pay the difference between the full fee or cost of the product or service, and what Medicare funds.

Karaa salphaan ati deebiftee baasii kee sana deebifachuuf iyyattu achuma waajjira ogeessa fayyaa keetii utuu hin hin bahini.  Achumaatii gara Medicare iyyata siif galchu.  Yoo sun hin tahin hafe sarara interneetaa dhimma bahuun marsariitii services Australia.gov.au jedhu tuqxee iyyatnoo galchachuu dandeessa.

Yoo Ogeessa fayyaa "bulk bill" fayyadau bira deemte yeroo ilaalmtee raawwattu homaatu hin kafaltu.

"Ogeessa fayyaa ykn wiirtuu fayyaa kam akka ati deemte fi akkasumas dhimma dhaqxeef irratti hundaawee dhuunfaatti siin si kafalchiisuu fi kallattiin mootummaa karaa Medicare kafalchiisuun ni jiraata.  Yoo lafa ogeessa fayyaa bulk bill fayyadamuu kan homaa si hin kafalchiifne bira  deemte, karaa Medicare horii isaa argachuuf ogeessichi gammachuu qaba, kanaaf kiisha kee keessaa homaatu baasuu hin qabdu" jedha Dr Hor.

Healthcare worker at home visit
Seniors and low-income Australians may access additional discounts. Credit: filadendron/Getty Images
Ogeessa fayyaa bulk bill hin fayyadamne bira yoo deemte, tarii baasii guutummaa isaa dhuma irratti kafaluu malta. Haa tahu malee, amma iyyuu baasii baafte sana haga tokko karaa Medicare deebiftee argachuu dandeessa.
The easiest way to claim that money back from Medicare is in your doctor's office. They can submit the claim to Medicare for you. Medicare will then make the payments into your bank account sometime later. If you can’t, you will need to go to Medicare and you can do that online.
Justin Bott, Services Australia
"Karaa salphaan ati deebiftee baasii kee sana deebifachuuf iyyattu achuma waajjira ogeessa fayyaa keetii utuu hin hin bahini.  Achumaatii gara Medicare iyyata siif galchu.  Yoo sun hin tahin hafe sarara interneetaa dhimma bahuun marsariitii services Australia.gov.au jedhu tuqxee iyyatnoo galchachuu dandeessa."

Gibira kaffaltootni Australia karaa Medicare levy jedhuun Sirna gibra galii irratti fayyadamuun Medicare Maallaqaan tumsu.

Maallaqni gumaachitootni sirnicha keessatti kafalan akkaataa umrii fi haala maatii dhuunfaa isaanii irratti hundaawee garaagarummaa qaba.

Lammiileen Australia haala jireenyaatti saaxilamoo tahan, galii xiqqaa qabanii fi jiraattotni dhaabbataa, kan akka warra Concession Card qabaniif Commonwealth Senior Card qaban, bu’aa dabalaa kan qorsa gatii xiqqaan bitachuu qabaatu.

Obbo Bott akka ibsutti faayidaan sirna Medicare fi sirna bu’a qorsa gatii gadi xiqqaa, lameenuu ulaagaa baasii ni qabaatu. Erga dabree booda baasii yaalaa dhukkubisattootaa daran hir’ifama.

Waggaa keessatti baasii yaalaa gahaa yeroo kafaltu, ulaagaalee jiran  bira geessa kanaaf sana booda wanti ati kafaltu  baayyee gatii salphaa ta’a.

Faayidaa inni qabu keessaa tokko akka maatiitti yoo galmooftan, abbaa manaa fi haadha manaa, ijoollee walitti qaban dafatanii ulaagaalee sana guuttu, achiin booda qorsa gatii salphaa fi carraa salphaattis ogeessa bira deemuu qabaattu.

 Akka maatiitti galmaa’uun gaarii dha, sababni isaa baasiin hunda keessanii ulaagaa san saffisaan akka guutu isin gargaara.

Medicare fi Insuransii fayyaa dhuunfaa

Dhukkubsattootni tajaajila fi wal’aansa sirna Mootummaa ykn Medicare keessatti hin ilaalamneef kaffaltii argachuuf, Medicare irra insuraansii fayyaa dhuunfaa filachuus malu, - fakkeenyaaf kanneen ogeessa ilkee, ambulaansii fi taliillii tokko tokko ilaalchisee jechuu dha.

Insuraansiin fayyaa dhuunfaa dhukkubsattootni mana yaalaa dhuunfaa akka argatan gargaaruu irratti dabalee tajaajilaa fi laalmaa adda addaaf yeroo dheeraa eeguu irraa saffisaan akka argatan taasisa.

“Sirna tajaajila fayyaa mootummaa jalatti, tarree irra maqaan kee taa’ee haga maqaan kee jalqaba irra dhufutti eeguu qabda.  Insuraansiin fayyaa dhuunfaa garuu ogeessa fayyaa kee bakka dhuunfaatti moo bakka mana yaalaa ummataatti kan jedhu akka filattu akkasumas  tajaajilli kee isa sirna tajaajila fayyaa mootummaa irra baayyee dursee akkas si dhaqqabu taasisa,"jechuun ibsa Dr Hor.
LISTEN TO
Here’s what you need to know about buying a private health cover image

Here’s what you need to know about buying a private health cover

SBS English

11/10/202107:13
Ogeessotni fayyaa fi wiirtuuleen fayyaa Australia namoota afaan Inglishii dubbachuu hin dandeenye tajaajilu itti baraniiru.

Yeroo baayyee bilbila harkaa irraa afaan hiikkaa gargaaramuun wanneen sasalphaa tahan hiikkachuu danda’uu isaanii dubbata Dr Hor. Wanneen garuu cimaa fi wal xaxaa tahaniif tajaajila afaan hiikka fayydamu jedha.

"Tajaajila afaan hiikkaa hedduu qabna kan yeruma sanitti bibillee argannu.  Kun kan karaa mootummaa gatii gadi bu’aan fayyadamnu dha.  Kanaafuu, bilbilaan Sagale guddiftuu fayyadamanii dhukkubsatan ni dubbata, inni afaan hiiku dhggeeffatee hubatee dhibee dhukkubsataan himatu maal akka tahe deebisee ogeessa fayyaaf himaaf."
Virtual medical consultation using a laptop
Telephone and online virtual consultations have become more common in Australia since the COVID-19 pandemic. Credit: Phynart Studio/Getty Images

Baallama fi waraqaa qorsaa kaaraa sarara internetaa

Dhukkubsatootni hedduun yoo qaamaan waajjira ogeessa fayyaa dhaquu dadhaban, sarara interneetaan ykn bilbila irraan beellama isaanii hordofuu irra ni fayyadamu jedha.

Tajaajilli kunis Medicare akkasumas bu’aa qorsa gatii xiqaa jalatti ilaalama.

 Karaa sarara interneeta baallama ogeessa fayyaa hordofuuf gahaa tahuudhaaf, dhukkubsataan tokko ogeessa fayyaa san wagga tokkoof argaa kan ture tahuu qaba.
 
" Sararri inteneetaa ykn bilbilli ogeessichi fayyaa dhukkubsataa waliin karaa Sagalee ykn video akka dubbatu isa gargaara. Yeroo amma kana waraqaa qorsa ittiin bitatan QR Code kan irra jiru, qorsi itti barreeffamee karaa sarara interneetaa namaa erguun waan danda’amuuf dhukkubsataa tajaajiluu salphaadhumatti dandeenya. Waraqichi qorsaa sun dhukkubsitichatti yoo ergame mana qorichaa deemuun rakkina tokko malee qorsa ofii bitatee gala," jedha Dr Hor.

Share