Iyyannoo hojii galfachuuf of qopheessuu

Shot of a young businessman going through paperwork while on a call at work

Applying for a job takes time and energy. Credit: Moyo Studio/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Hojii barbaaddu tokkoof beeksisa ilaalchisee wanneen murteessoo tahan hubachuu qabdutu jiran. Iyyata hojii barreeffachuun waan sodaachisaa tokko tahuu dandaá garuu kan si qacaru sun maalfaa si irraa eegaa baruun kee carraa hojii argachuu keetii guddisa.


Key Points
  • Resumeen kee seenaa hojii kee, muuxannoo kee fi jireenya kee keessatti waan raawwatte tariisee kan qabu dha
  • Yeroo hunda iyyuu Resumee kee akka hojicha iyyatteef tahutti tolchi
  • Yeroo aaf-gaaffiif dhihaattutti muuxannoo fi dandeettii kee akkaataa itti ibsattu irratti toftaa ofii kee qabaadhu
Iyyata hojii barreeffachuun waan sodaachisaa tokko tahuu dandaá garuu kan si qacaru sun maalfaa si irraa eegaa baruun kee carraa hojii argachuu keetii guddisa.

Keessattuu yoo reef jireenya hojii barbaaduuf Australia keessatti jalqaba kee tahe hojiif iyyachuuf yeroo fi hamlee si gaafata.

Warreen nama qacaran baayyeen isaanii, ragaa hojii fi dandeettii kee barreeffamaan akka galchitu barbaadu- sunis utuu Gaaffilee hojiitti hin dhihaatin dura jechuu dha.

Natalie Peart, Jobspeak Academy, ogeessota idil-addunyaa irraa hojiif gara Australia dhufan dandeettii gahaa akka argatan leenjisit.

Namni hunduu toftaa mataa isaa qabaachuu qaba jedhti.

Beeksisa hojii akka itti dubbiftu

Yeroo beeksisa hojii ilaaltu, warshaaleen ati filatte ulaagaa addaa qabaachuu fi dhiisuu isaa ilaaluun barbaachisaa dha jechuun gorsiti Hoggantuun Tajaajilaa AMES Australia ti Mandy Ratcliffe.

Y“ Hojjechiisota irratti hundaawee ulaagaan hojii adda adda. Namni hunduu lakkoofsa galmee gibiraa ykn TFN qabaachuu qaba.  Kanas kara toora interneetaan maarsariitii waajjira gibiraa ykn Taxation Office irraa argachuun danda’ama. Waraqaa qulqullina Poolisa bira ykn police check kan jedhus si barbaachisu.  Akkasumas illee hojii kam hojjechuuf akka ati iyyate irratti hundaawee waraqaa qulqullina ijoollee waliin hojjechuu jedhu ykn WWC illee qabaachuu qabda.  ”

Resume hundarra gaariin na bira dhufan gahee hojii sanaaf kan qophaa'ani dha.
Ravi Moerman, People and Culture professional
Hojjechiisaan fakkeenyota kana barreeffamaan akka ati dhiheessitu kan si irraa eegu yoo ta’u, karaan saffisaan waa’ee kee baruu danda’u, ragaa dandeettii kee (CV) ykn resume dubbisuudhaani.

Resumee qopheeffachuuf seerri uggurrii qabu hin jiru, akka ogeessa dhimma ummataa fi aadaa Ravi Moerman jedhutti. Gosa adda addaa hedduu illee uummachuu dandeessu.

Xalyaa iyyata hojii ( cover letter) barreessuu

Resumeen kun waraqaa fuula lama ykn sadii kan tahu seenaan hojii kee, barmootaa fi dandeettii kee tarrisee qabatee jiru dha. Waraqaa kana irratti beekumsa kanneen hojii fi muuxannoon buufatte ibsachuuf carraa qabda.

Qacartootni guyyaatti xalayaa hedduu ilaalaa oolu akkamitti akka kee sii fudhatan irratti hojjechuu qabda.


Australia Explained - Job Applications
Employers also typically request a one-page letter – or cover letter. Here’s your opportunity to explain what motivated you to apply and why you’re a good fit for the position. Credit: Willie B. Thomas/Getty Images
“ Xalayaa hojii ykn cover letter dhimma walii galaa dubbatu hin barbaadnu.  Xalyaa waliigalatti waan hojii dubbatu galchachuuf yeroo tokko tokko ni kajiilla taha, garuu wanuma tokko tokko illee jijjiiruun gaarii dha. Garuu akkuma beeksisichi jedhutti qopheeffachuu fi jechuuto beekisa keessaa san fayyadmuun nama dubbisu sanitti akkuma nama haasawaa jiruu tolfachuun dansa. “iyyata kanatti dadhabeera yeroo dheeraas itti fudheen barreeffadhe jechuufaa.”

Akkamiin nama filatanii hojiif fudhatu?

Akka ulaagaa filatamaatti tarii hojjechiisaan Gaaffilee tarreessanii akka ati deebii itti laattu si gaafachuunis waanuma beekamaa dha.

Oddoo kanatti, hojichaaf gahaa tahuu kee barreeffamaa gabaabaan waa’ee dandeettii, ayinaa fi muuxannoo kee mul’’isuu dandeessa.

Yeroo ulaagaa filannoo saniif xalyaan deebiftu gabaabduu iftuu kan irra deddeebii hin qabne tahuu qaba. Garuu hojii kanaaf gahaa taatee fudhatamuuf galmee gaafatamte hunda dhiheessuu qabda.

....akkasumas dhuma irratti

Xumra irratti xalayaa iyyannoo kee sanii suutaan irra deebi’ii sirrii tahuu isaa ilaali .

Guyyaa itti iyyatichi galus guyyaan murtaawaa waan taheef yeroon galchuu mirkaneeffadhu.

Aaf-gaaffiif of qopheessuu


Hagam namni baayyeen itti dadhabee iyyatu iyyuu hojichatti nama itti tahe qofatu aaf-aaf-gaaffiif hojjechsaadhaan afeerama. Itti aanee egaa of-qopheessuun waajiba.

"Beeksicha irra deebi’anii dubbisuu barbaada, sababni isaa Odeeffannoo qacaraan sun barbaadu hunda of irraa waan qabuuf jechuun gorsiti" Natalie Peart.

“Seenaa hojii kee duraa sirriitti beekuu qabda jaratti himuuf , dandeettii kee duraan itti fayyadamte, waan duraan hojjechaa turtee akkasumas ammo company ykn dhaabbata si qacaruuf deemu sana waa’ee isaanii maal akka hojjetan, jabinaa fi gati-qabeenya isaanii sirriitti barii ati hojii sanitti akkamitti akka wal simattu  hubadhu. “

Hiriyaa kee waliin Gaaffilee san deebisuuf shaakaluu dandeessa. Gaaffileen hunduu adda adda haa tahanuu malee tokko tokko maarsariitii irraa beekamoo fi gaafatamuu malan waan tahaniif shaakaluun kee gaarii dha.

Mandyiin Gaaffilee ka’uu malaniif gorsa kan tahan waan jajjaboo dubbatti, “Milkaa’uuf faayamis jedhti”

“Namuma kara deemaa hin fakkaatin. Hojjechiistootni namootni aaf-gaaffii hojiitti yeroo dhihaatan akka gaarii akka uffatan irraa eegu. yeroo aaf-gaaffii hojjiif deemtu, haga danda’ametti qajeelii of irratti amantummaan dhihaadhu.”

Qacartoonni Australia qunnamtii dhugummaa qabuuf iddoo guddaa kennu jetti Aadde Peart.

"Qorannoon akka jedhutti kaadhimamaa qacaruuf wanti murteessaan guddaan tokko aadaa wajjin walsimu dha, " jedhti aadde Peart.
Garee gartuu hojjetootaa isaanii waliin wal simuuf ati nama gaarii tahuu kee baruu barbaadu, akkasuma sana gochuufis ati dhuguma eenyu akka taate ilaaluu qabu.
Natalie Peart, Jobspeak Academy
Portrait of a puzzled man looking at smart phone, sitting at table at home.
A good employer will follow up an interview with a phone call to offer you constructive feedback. Source: iStockphoto / nortonrsx/Getty Images/iStockphoto

Obsaan eeguu

Haga kana hunda itti dadhabdees , deebii eeguun isaas si’a tokko tokko waanuma obsa si barbaadu.

Yoo hojiichatti mulkaaúu baatte, yeroo hunda iyyuu emailiidhaan deebii sii kennu. Yoo gara Sadarkaa aaf-aaf-gaaffiif dhihaachuutti  dabarte , walumaa galattuu  maammila haaraaf muuxannoo gaarii akka tahuuf  gaafficha hordofee waan jiru waliin haasa’uuf bibilatu filatama. 

Share