Meeshaa Muuziqaa barachuun dansa

Girl playing tuba - Australia Explained – Learning an instrument

Credit: Cultura RM Exclusive/Phil Fisk/Getty Images/Image Source

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Meeshaa muuziqaa gatamee mana taa’u qabduu? Tarii mucaan keessan faayidaa lakkoofsa hin qabne barnoota muuziqaa irraa akka argatu barbaaddu taha. Ykn ammoo yeroo hunda tarii garee keessatti tapahchuuf hawwii guddaa qabdu taha. Sababa fedheefuu tarii meeshaa muuziqaa taphachuu baruun beekumsa argattanitti gammaduu qofa utuu hin taane namootaa waliin wal baruuf isin gargaara.


Key Points
  • Meeshaa muuziqaa barachuuf iddoo gaarii argachuun bakka jiraattan irratti hundaawa
  • Waldaan Barsiisotata Muuziqaa Kutaa biyyaa ykn naannoo keessan jiru barsiisota meeshaa muuziqaa fi bakka isaan jiraatan tarreessee jira.
  • barmootni meeshaa muuziqaa umrii, dandeettii fi akkaataa utuu hin daangessin hundumaaf jira.
Namni Howard Chaston, jedhamu qindeessaan mana barmootaa muuziqaa, meeshaa muuziqaa taphachuun gammachuu dhuma hin qabne miira namaaf akka kennu ibsa.

“Meeshaa muuziqaa taphachuun si’uma tokkotti waa meeqa of keessaa qaba, dandeettii waa hubachuu, waa jijjiiruu akkasumas namootaan wal dubbachuu kun hundumtuu bu’aa irraa argamu dha. Dhugumatti bu’aa gurguddaa qaba, waan mana barmootaatti baratan ykn jireenya keessatti baratan hunda of keessatti qabata. Amma waa’eedhuma barmoota herregaa fi beekumsa yaaddan illee barmootni muuziqaa Herrega, beekumsa akkasumas sochii qaamaa illee of keessaa qaba. ”
Very few subjects you learn at school or in life bring it all together in one package. Think about numeracy and literacy. Music has all of that embedded in it and more. It’s a cross between numeracy, literacy and PE.
Howard Chaston
Yeroo amma leenjiin tolaa baayyeen akka itti meeshaa muuziqaa taphatan nama barsiisan sarara interneetaa irra jiru, akka akka dandeettii keessaniitti kallattumaan jalqabuu dandeessu.

Tarii dandeettii fi tooftaa meeshaa muuziqaa itti taphatan guddifachuuf isin gargaara.

Bu'aa Barsiistotaa

Iska Sampson meeshaa muuziqaa violin fi viola jedhu barsiisti. Barsiisa meeshaa muuziqaa waliin hidhata qabaachuun bu’a qabeessa jedhti.

“Barsiisaa qabaachuun gaarummaan isaa fuulaan fuulaan wal bira jiraachuu keessani. Yeroo taphattan waan isin arganii fi akkasumas dhagahaniif meeshaa muuziqaa sana ilaalchisee gorsaa fi yaadaan isin gargaaruu danada’u. Akkasumas ofiif taphatanii isin agarsiisuu danda’u yeros ilaaluu fi dhaggeeffachuun ni barattu. Meeshaa muuizaa kana yeroo barattan namoota kaan waliin illee taphachuuf carraa argattu. Yeroo barsiisonni isin gargaaranis tahe waliin meeshaa muuziqaa taphattan dandeettii adda tahe argachuu dandeessu.”
A father helps little girl practice cello at home by window - Australia Explained – Learning an instrument
Credit: Cavan Images/Getty Images/Cavan Images RF

Mana barmootaa muuziqaa

Sagantaan muuziqaa mana barumsaa keessaa filannoo mul'ataa dha yoo kan mucaa keef leenjii barbaaddu tahe. Haa tahu malee sadarkaa ayinaa barmoota muuziqaa ati mucaa keef barbaaddu bakka ati jiraattu irratti hundaawee adda adda.

"Manni barumsaa Sadarkaa lammaffaa beekamaan Kutaa biyyaa keessanii barmoota muuziqaa ni qabaata garuu yeroo baayyee manneen barnootaa keessatti, isaanis barnoota dhuunfaa ni gaggeessu.

Manni barmootaa muuziqaaf adda tahe, akkasumas filannooleen garagaraas iddoo hundayyuu jiru jedha Howard Chaston.

Yeroo baayyee, baasii xiqqoo dabalata kan Kaffalchiisu yoo ta’u, barsiisonni Sadarkaa ogeesssaa irraa dhufu. Kanaaf muuziqeessitootni dhufanii manneen barnootaa sana keessatti tokko tokkoon, yeroo kaan ammo garee xixqqoodhaan barsiisu. ”

Manneen barmootaa tokko tokko hojjettoota hedduu qabaachuu irraa kan ka’e barsiisota ogummaa muuziqaa qaban Qofaatti qabu.
Asian chinese mid adult man learning music instrument playing saxophone from his instructor in music studio - Australia Explained – Learning an instrument
Seeking out professional instruction can be a valuable choice. Credit: Edwin Tan/Getty Images

Hawaasa keessaa barsiisaa argachuu

Hojjettootni manneen muuziqaa tokko tokko dadeettii meeshaa muuziqaa barsiisuu qabu ykn namoota beekan waliin wal-hidhata qabu.

Qindeessitootni muuziqaa mana barmootaa keessaas wal-hidhata akkasii qabu, gorsa tokko tokko si gargaaruu fi bakka si qajelchuu danda'u.

Kan biraan Waldaan Barsiistota Muuziqaa naannoo kee jiran maqaa barsiistotaa akka akka muuziqaatti of biraa ni qabu bakka isaan jiraatan waliin . Kanaaf , sarara interneetaan salphaatti barbaaddee akka argattu si gargaara.
Akka biraattis ammoo meeshaa muuziqaa ykn muuziqaa gartuu hawaasaa barbaaddee argachuu dandeessa.

“App map fayyadamuun barnoota muuziqaa ykn muuziqaa afoolaa ykn jazz ykn rock apps sana irratti ni dhufu. Sararri interneetaa waldaalee hawaasaa xixiqqaa gosa kanaaf madda guddaa yoo tahu, namni umrii kamuu fi dandeettii taphachuu kamiyyuu qabu itti fayyadamuu danda’u dha.

Barnoota muuziqaa, meeshalee ykn garee muuziqaa hawaasaa toora interneetaa irratti barbaaduu qofa jechuun dubbatti aadde Sampson.

Barachuuf yoomuu yeroon irraa hin dabru

IMeeshaa muuziqaa barachuun ga’eessaa ykn namoota gurguddaaf saalfii fakkaachuu danda’a garuu waa barachuuf yerroon waan itti hin dabarre tahuu yaadachuun barbaachisaa dha jedhti adde Smpson.

“Ga’eessa tahanii barachuun waanuma miidhagaa dha. Gartuun barachuu ykn tokko tokkoon barachuun Australia keessaa iddoo hedduu jira jedhti.

Sadarkaa adda addaattis jira. Warreen reefuu jalqabanii fi yeroo ijoollummaa isaaniitti xiqqoos taphatanii kan turan amma ega ga’eessa tahaniis barachuu kan barbaadan ni jiru.

Namaan wal arguuf carraa gaarii dha, kanaaf namootni baayyeen gartuun barachuu filatu.

Yoo akkaataa barsiisaan kee itti barsiisuu fi ati barachuu barbaaddu adda tahe illee of booda hin deebi’n. kun barachuu irraa of booda si deebisuu hin qabu jedhti.

Yeroo baratan of-jeequmsi, bir’achuun ykn aaruun ykn ammoo boo’uun kun kun waanuma namoota mudachuu danda’ani dha adde Sampson.

" Barsiisonni hubannoo kan qaban ta’us, karaa itti barattu akka argattu si gargaaruuf akkaataa itti barsiisan akkamitti jijjiiruu akka danda’an beekuu dhiisuu danda’u. Kanaafuu rakkisaa ta’us, waan sitti dhaga’amu barsiisaa keetti himuun hedduu faayidaa qabaachuu danda’a jedhti. "
Although it's difficult, telling your teacher what you're feeling can be so useful because the teacher then says, ‘ah okay, how about we try something different?
Iska Sampson
Finding another teacher, or even a new instrument, could also be worth trying.

Meeshaa muuziqaa eessaan argadha

Manni barumsaa tokko meeshaalee bitachuuf maallaqa itti baasuu (invest) gochuu qabu, booda meeshaa kanas tola ijoolleef ergisu. Garuu manneen barmootaa biroon barattootaa fi warra irratti dhiisu.

Manneen daldala muuziqaa gaarii hedduun jiru. Waan ittiin jalqaban kanneen akka gitaara, keezii, fi yeroo baayyee sagantaa barmootaa toora interneetaan kennuu danda’an.

Manneen meeshaa muuziqaa harka-lammaffoo fi meeshaa muuziqaa suphitootni meeshaalee muuziqaa gatii gadi bu’aa qabaachuu ni malu, achi ilaaluun hin badu.
Senior couple playing music - Australia Explained – Learning an instrument
Senior man playing mandolin and senior woman playing ukulele Source: Moment RF / Joao Inacio/Getty Images
Karaa biraas namootni kallattiin Guitars Gathering Meeshaa mana barumsaa muuziqaaf ni kennu. Hobsons Bay library illee achii ni argata. .

“Yoo carraa kee tahe librariin naannoo kee jiran tarii barnoota akkasii kennuu ni malu, fkf kan akka Hobsons Bay guitarafaa akkuma kitaabaatti kan ji’a sadiif ergifattee galtu jiraachuu malaa iyyaafadhu jedha" obbo Craig Watt.

"Kun carraa tarii gosi meeshaa muziqaa kun namaa tahaa fi hin tahuu ilaallachuuf nama gargaara. Si’a tokko tokko gitaarri filannoo keessan tahuu dhiisuu danda’a. Tarii kan akka piano, saxophone ykn meeshaa muuziqaa biraa feedhtu taha kanaaf ilaaluun gaarii dha. ”

"Hawaasni dammaqaan akkasii sababa muuziqaa waliin hojjetanii jaalala horataniif, carraan muuziqaan walitti dhufeenyi isaanii fi guddachuu isaanii daran itti fufas jedha."

Share