Ijoolleen Oromoo Afaan Ofii yoo baratan dhaloota borii tahu jedhu obbo Alamaayyoo Qubee

Teacher assisting boy working tablet at school

Children together at modern school Credit: Klaus Vedfelt/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Ijoolleen Oromoo Qubee Afaan Oromoo barachuun eenyummaa isaanii fi aadaa isaanii akka baratan isaan gargaara. Maatii warra isaanii waliin yeroo wal argagan afaan Oromoon dubbisuu fi jaalala qabaniif salphaatti walii mul'isuu danda'u. Obbo Alamaayyoo Qubee, Australia Melbourne keessatti ijoollee Oromoo qubee barssisaa jiru,


Tuqqaalee ijoo
  • Manni Barmootaa Afaan Oromoo Noble park jira
  • Ijoolleen barachuu barbaadan galmaa'uu danda'u
  • Warri ijoolleen akka baratan haala mijeessuufiin gaarii dha
  • Afaanni eenyummaa sabaa fi aadaa isaa ibsa
Maatiin Oromoo baayyeen biyya jiran, kaan kan ala jiranis tarii Afaanni isaan dubbatan Afaan Oromoo ti. Adaadolii fi eessumman, Akaakoo fi akkoo waliin kan dubbachuu danda'an Afaan Oromootiin. Biyya alaatti illee ijoolleen yoo afaan isaanii baratanii tuqaa gaarii itti qabaatan, mana barumsaatti bu'aa akka qabuuf dubbatama. Ijoolleenis tahe namni guddaan afaan ofii barachuuf carraa hin argatin galmaawaa baradhaa jedhu obbo Alamaaayoo Qubee , Melbourne irraa. guutummaa caqasaa.

Share