Ijoollee Daa'imummaatti daakaa barsiisuun lubbuu baraaruuf gargaara

Elementary Students Taking a Swim Class

Water competency goes beyond just knowing how to swim. Getting in and out of water safely, breath control, floating and recognising hazards are examples of key aquatic skills Credit: FatCamera/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Eeggannoon Bishaanii fi dandeettii daakaa daa’ima kami iyyuu Australia keessa jiruuf dirqama. Barbaachisummaa barnoota daakaa fi filannoowwan jiran ilaalchisee wanti warri ijoollee hundi beekuu qaban akka armaa gadii ti.


Tuqaalee Ijoo:
  • Brmootni daakaa bishaan irraa baraaramuu fi eeggannoo bishaan kan dabalu tahuu qaba
  • Akka akka umrii isaaniitti ijoolleen ogummaa daakaa barsiifamuu qabu
  • Manni barumsaa Sadarkaa tokkoffaa barmoota daakaa fi barsiisa eeggannoo bishaanii ni kennu mootummaan naannoo fi godinootaas voucherii spoortii daakaa ilaallatuuf ni kennu
  • Warri Ijoollee bishaa keessatti to'achuuf ofii isaanii of irratti amantaa qabaachuu qabu. Beekumsa ittiin ijoollee baraaruu qaba qabaachuu ykn akkaataa itti warra lubbuu baraaru naannoo bishaan irra deddeman yaamattan beekuu qabu.

Naannoo bishaanii jiraachuun qaamuma Australia keessatti guddachuu haa tahu malee ijoolleen xixiqqaan bishaaniin liqifamuu irraa balaa du'aaf saaxilamu.

Ijoolleen wagga shanii gadii bishaaniin liqimfamuuf carraan jiru guddaa yeroo tahu guutuu Australia keessatti waggaatti giddu galeessaan 23 du’u, 183 mana yaalaa fayyaa seenu.

Balaa kun kan barmoota nageenya bishaanii fi barnoota daakaa barachuun ittifamuu danda'u, garuu balaa mudataa tahee mul'ata.

."Austrlian biyya bishaan jaallattu dha, spoortii bishaanii qarqara galaanaa, fi poolii keenya ni jaallanna. Kanaafuu, yeroon achi jiraachuu mirkaneeffachuu qofa barbaadna, Namootni daa’imman naannoo bishaanii nagaa akka qabaatan yaadachiisuuf yeroo baayyee kun na hin mudatu jedhnee yaadna. Ilaalcha akkasii qabaachuu hin qabnu.  Kun nama kam iyyuu mudachuu danda’a keessumaa umurii xiqqummaa  kanatti, si’a tokko ija rraa fudhachuu qofaan nama mudatuu danda’a. " jedha Dr SV Soundappan ogeessi baqasanii hodhuu fi miidhaa qaamaa kan mana yaalaa daa’immanii Wesmead Dhiha Sydney.

Caucasian boy jumping from canoe into lake
Learning to swim and be safe around water can open the way to a range of outdoors recreation activities Credit: Mike Kemp/Getty Images/Tetra images RF
Bara Kumni lamaa fi digdamii lama(2022) balaa bishaaniin liqimfamuu hordofee, ijoolleen gara mana yaalaa Sydney geeffaman yaaddoo dabaluun mul’atee ture. Kunis ogeeyyii Networkii mana yaalaa daa’imman Sydney fi Ambulaansii NSW irraa akeekkachisni haaromfame akka kennamu taasiseera.

Yoodhuma illee bishaaniin liqimafuun mudatee lubbuun irraa hafan ijoolleen miidhaa qaamaa biraaf saaxilamuu danda'u jedha Dr Soundappan.

"Ni beekna, daqiiqaa sadii fi ykn isaa ol bishaan jala yoo turte, miidhaa nervii adda addaa kanneen sammuu, dugdaa qama walii gala hojjechiisu ykn “neurological damage” geessisuu mala.  Garuu,  yeruma gabaabaaf bishaan jala yoo turan iyyuu miidhaa kanneen akka dandeettii  barachuu daa’ima sanii irratti dhiibbaa geessisuu danda’a." 


Mother teaching her son how  to swim
For young children, active supervision means an adult being in the water and within arm’s reach. Source: Moment RF / Yasser Chalid/Getty Images

What is the ‘best’ age to start swim lessons?

Umriin "filatamaa" ijoolleen itti daakaa eegaluu qaban kami?

Stacey Pidgeon dhaabbata Royal Life Saving keessatti hoggantuu Qorannoo fi Immaammata Biyyaalessaa ti.

Wantoonni bishaaniin liqimfamuuf ittisa ijoo ta’an, to’annoo cimaa, bakka daa’imni jiran hordofuu fi warri ijoollee beekumsa CPR(leenjii akkaataa nama afuura dhabe ykn qarqara du’aa gahe tokko ittiin baraaruu danda’an) fi dandeettii gargaarsa jalqabaa (first aid) qabaachuu akka qaban ibsiti. Itti dabalees daa’imni xixiqqaan kophaa bishaan bira akka hin deemne daangessuu dha jedhti.

ADandeettii bishaaniin wal baruu fi barnootni eeggannoo bishaanii ijoollee umruii kamiif iyyuu qama barmoota daakaa keessaa barbaachisoo dha jedhti adde Pidgeon.

"Kanneen akka bishaanii irra ciisanii daakan barachuu fi bishaan jala seenanii daakuu , utuu ofiif bala irra of hin buusin nama liqimfame akkamitti akka baasuu danda’an barachuufaa dabalatee.  Kan biraan yoo rakkinni dhalate eenyuun akka qunnaman, yoo duwwaa sadii fayyadamuus tahe ykn warra qarqara bishaanii deeman lubbu hanbiftoota (live saviors) yaamuus tahe filannoo jiru baruu qabu ijoolleen jedhti."

Children naturally curious around water
“Anak-anak secara alami penasaran dengan air; namun mereka tidak memahami bahaya yang ditimbulkannya,” kata Dr Soundappan. Source: Moment RF / Isabel Pavia/Getty Images
Bu’uurri Nageenyaa Bishaanii fi Daakaa Biyyaalessaa () dandeettii ijoolleen akkaataa umurii isaaniitti qabaachuu qaban guutummaatti tarreessee jira.

Ms Pidgeon ulaagaalee sadii ijoollota waggaa jaha(6), kudha lama(12) fi kudha torbaaf (17) jira jedhti.

By the age of 12, a child should be able to swim 50 meters, float for two minutes, and also perform a rescue and a survival sequence with clothes on.
Stacey Pidgeon, National Manager for Research and Policy at Royal Life Saving
" waggaa kudha lama yemmuu guutanitti, ijoolleen meetra 50 daakuu , daqiiqaa lamaaf bishaan irra ciisanii daakuu fi akkasumas uffata uffatanii lubbuu baraaruu fi nageenyaa raawwachuu qabu.

"Ijoolleen yeroo mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa xumuran dandeettii kana dhuunfatanii akka bahan barbaadna. "

Guutummaa biyyaattii keessatti, kaarikulamiin mana barumsichaa ijoolleen mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa isaanii keessatti, yeroo tokkotti sagantaa daakaa fi nageenya bishaanii keessa darbuuf carraa ni kennaaf.

Warri ijoollee voucherii sportii mootummaa naannoo irraa silaa argachuu qabanitti fayyadamuu danda'u, (gara gadiitti gadi sakatta'ii link jiru furgaasii ilaali) waa'ee dhimma barnoota daakaa ijoollee.

" Akka naannoo naannootti voucherii kana argachuun ulaagaalee adda addaa qaba jedhti adde Pidgeon. "

Swim Instructor Working with a Little Girl
Parents are encouraged to ensure their children don’t drop out early from swimming classes before reaching minimum competencies for their age. Credit: FatCamera/Getty Images

Gahee warra ijoollee

Obbo Ward akka jedhutti warri ijoollee, ijoolleen of eeggannoon bishaan daakuu akka danda’an taasisuuf gahee guddaa qabu.

Brendon Ward, hoji gaggeessaan Waldaa Leenjistootaa fi Barsiistotaa daakaa Australia ti.

'Bishaaniin wal baruun umurii ji’a jahaa irraa eegalee jalqabuu danda’u. Dhugaa dubbachuuf maneen barnootaa daakaa hedduun, sana caalaa dursanii  jalqabaa jiru.

Sunis ijoollee bishan keessatti bashaasisuu fi sadarkaa ogummaa  bu’uuraa sana itti argatan geessisuu fi barachuuf qophaawoo taasisuudhaaf. "

"Kanaafuu, gara wagga sadii hanga afurii irraa ijoolleen yoo ogummaa bu’uuraa  bishaan daakaa fi  nageenya bishaanii guddifachaa deemaan hedduu gaarii taha."

Warri ijoollee , ijoolleen nageenyaan bishaan daakuu danda'uuf seera bishaan daakaa baafachuu fi balaa bishaanii ijoollee xixiqqaa mudachuu malanis hubachuun dandeettii fi beekumsa ijoollee ol kaasuu qabu.

Asian father and baby at swimming pool, happily clapping
Introducing your toddler to the feel of water can be a special parent-child bonding experience. Source: Moment RF / Navinpeep/Getty Images
“Ijoollotni barmoota daakaa irra jiran tartiiba isaa beeku, yoo uffata daakaa qabaatan malee gara bishaanii hin deeman, yoo namootni gurguddaa jiraatan malees bishaan hin seenan."
Kanaaf, tartiiba kana fi hubannoo xiqqummaa isaanii irraa eegalanii akka qabatan  toora qabsiifachuu eegaluu dandeessa. 
Garuu, ammo warri ijoollee ofii isaaniif bishaan keessatti ijoollee to’achuu ofiif of irratti amantaa qabaachuu qabu.

Warri ijoollee tokko tokko biyya irraa dhufanitti tarii muuxannoo bishaan daakaa hin qaban.

Dr Soundappan akka tilmaamutti daa’imman shan keessaa tokko kanneen bishaaniin liqimfaman keessatti argaman ijoollee duubbee aadaa adda addaa irraa dhufanii dha.

Akkan nama ga’eessa tahee Australia keessatti bishaan daakaa baratee tokkootti warra ijoollees tahe ijoolleen utuu hin turin barnoota daakaa fudhachuu akka qaban jajjabeessa.

Egan Australia dhufee asi xiqquma bishaan keessa sosso’uu dandaúuf daakaa baradheen ture”. Kanaaf , namoonni akkasii baayyeen aadaa adda addaa irraa dhufan, warri ijoollee daakaa hin dandeenye jiraachuu hin oolan. 

"Akka carraa taée Australia keessatti , daa’imman naannoo Nageenya qabutti bishaan barsiisuu dandeenya, daa’imummaa irraa eegalee barmootni ni jira."

"Kanaafuu, dafanii jalqabuun dhugumaatti gaarii dha, sababni isaas kan isaan jiraatan asi, tarii waan bishaaniin wal qabate isaan mudachuu dandaá, sochii bishaaniin tahu keessattis hirmaachuun isaanii hin oolu. "




Kids Entering the Pool
Getting your child used to putting on their swim wear in the days before their first lesson can help them feel comfortable and excited about the upcoming class. Credit: FatCamera/Getty Images
As with any activity, parents are required to do some research before enrolling a child in swim lessons.
Akkuma sochiilee kamii iyyyuu warri ijoollee , utuu ijoollee isaanii daakaaf hin galmeessin qorannoo ofii gochuu qabu.

Wanti biraan ilaalamuu qabu:
  • daakaa argattan sun akkaataa isin barbaaddaniin wal gitaa?
  • Manni barumsaa daakaa sun akka gaarii tahe of mul’saa?
  • Qulqulluu fi sansakkaa isaa kan eeggatee fakkaataa?
  •  Manneen  barnootaa daakaa hedduun marsariitii isaanii irratti raga bahamaaf. Wanti barbaadamu hedduu dham garuu eeyyee, tarii waan ijoon barsiisota gahumsa qaban qabaachuu dha.
Akka akka mootummaa naannootti
NSW 
fijoollee waggaa 3- 6
NT
ijoollee sadarkaa tokkoffaaf
ijoollee waggaa shanii gadiif
QLD 
dhuma bara 2023 irratti baha
form ijoollee waggaa 5 -15
TAS
vouchers.
VIC
Voucher Program
WA
program 

Share