Barbaachisummaa addaa-addummaa Ummatoota warra Abbaa Dachee hubachuu

Portrait of three generation Aboriginal family

Portrait of three generation Aboriginal family Credit: JohnnyGreig/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Yeroo ummattoota Aborijinaa fi Torres Strait Islander waliin hojjetan, adda -addummaa Saboota Duraa Australia beekuun, hubachuun baayyee barbaachisaa dha.


Tuqaalee Ijoo
  • Ummattootni Abbootii Dachee Australia gartuu tokko irraa kan dhufan miti.
  • Gara Saboota 500, tokkoon tokkoo isaanii aadaa afaanota adda addaa fi akkaataa jireenyaa fi caasaa firummaa addaa qabu.
  • Hariiroo hiikkaa qabu warra abbootii Dachee waliin uummachuuf adda-addummaa kana beekuun barbaachisaa dha.
Adda addummaan aadaa badhaadhaa uummattoota warra abbaa dachee Australia gidduu jiru kan nama booji’uu dha, yaada dogoggoraa waliigalaa ummatoonni Aboorijinaa fi Torres Strait Islander hundi garee walfakkaataa tokko irraa dhufan jedhu faallaa taasisa.

Ummattootni abbootii dachee, aadaa danuu. Afaan, akkaataa jireenyaa fi caasaa firummaa qabu.

Adaadee Munya Andrews maanguddoo Aboorijiinaa biyya Bardii, godinaa Kimberley dhihaa Australia irraa ti. Bakkewwan ilaaluu jalqabuuf mappii Abbootii dachee Australia ykn I ilaaluu irraa jalqabuu dha jedhti.

" Namootni akka karticha ilaalan afeerra sababni isaa gara Saboota dhibba shantu(500) kaarticha irra jira. tokkoon tokkoon Sabichaa afaan ofii qaba ykn waliin afaan tokko qooddata."

_Carla-and-Aunty-Munya.jpg
Carla Rogers (left) and Aunty Munya Andrews (right), Evolve Communities Credit: Evolve Communities

Afaanota Abbootii dachee dhibba lamaa fi shantamatu (250) jiran, loqodoota dhibba saddeet(800) dabalatee, akkasumas aadaa, akkaataa jireenyaa, caasaa firummaa kun kun hund saboota kana keessatti adda-addummaa qaba, aartii illee dabalatee jedhti Adaadee Munyaan.

"Aartii Aboorijinaa tokko ilaaluu qofaan hubachuu nan danda’a, naannoo Australia kam irraa akka dhufe sirriittin beeka. Baayyee adda.  Namoonni baay’een fakkii tuqaa aadaa Aboorijiinaa waliin walqabsiisu, garuu sun Saba tokko qofa."

"Yeroo namoota Bardii ilaaltan, ummatni koo, nuti ummata bishaan soogiddaa ti,  aartiin keenya lammiilee islanderoota biroo addunyaa irra jiraniin wal fakkaata, fakkiiwwan ji’oomeetirii kanneen akka dhaha galaanaa fakkaata, tasuma fakkii tuqaa miti."jedhti.

Barreessituu kitaabaa, abbaa seeraa fi daayreektara guddina hawaasa kan taate Adaadee Munya, yeroo ummatoota abbaa dachee waliin waa hojjetnuu fi hariiroo hiikkaa qabu ummannu “wanti tokkoof tahu hundaaf taha”” jedhanii yaaduu dhiisuun barbaachisaa ta’uu cimsitee dubbatti.

Hariiroo irra caalaa hiikkaa qabu uummachuuf aadaa fi akkaataa jireenyaa hawaasichaa kabajuuf tarkaanfii of dura butachuun akkaan barbaachisaa dha.

Carla Rogers michuu abbootii dachee ti, adaadee Munya waliin walitti dhiyeenyaan hojjetti.
Itti dabaluudhaanis beekumsa adda-addaaummaa jiru irratti qabachuun kun seenaa waloo Australia hubachuuf murteessaa tahuu fi warroota abbootii dachee fi warreen abbaa dachee hin taane gidduutti qaawwi haga har’aa maaliif akka jiraate beekuuf barbaachisa jechuun dubbatti.

“Yeroo jalqabaaf Awustiraaliyaan koloneeffatamtee fi [jirtis], adda-addummaa keenya kana irratti hubannoo dhabuun rakkoo keenyaaf hundee ta’e. Rakkoon keenya amma jiran hedduun [sababni] ummatoota Aboorijiinaa fi Torres Strait Islander akka garee tokko irraa dhufaniitti fudhachuu dha.  Akkasumas adda-addummaa badhaadhaa kanaaf beekamtii kennuu hafuu dha ." jedhti

Awustraaliyaan yeroo kam iyyuu aada-daneettii dha

Adaadee Munya akka jedhtutti, aada danummaa ilaalchisee yoo dubbanne ummatoonni abbootii dachee “ogeeyyii” dha.

"Ummanni koo waggoota kumaatamaaf aadaa waliin waliin jiraachaa turan. Garee Aboorijiinaalota biroo wajjin walitti dhufeenya uumuu baranneerra, afaanota adda addaa tokko tokko dubbachuu baranneerra," jechuun ibsiti.

Namoota akka Dr Mariko Smith aadaa abbummaa dachee fi aadaa ofii qabdu, adda-addummaa Australiyaanota Duraa kan jejattuuf beekamtii kennuun barbaachisaa dha.

Abbaan ishii Saba Yuin , qarqara kibbaa New South Wales irraa yeroo tahu, haati ishee kokuraa biyya Jappaan Kyushu keessaa ti.

"Namootni tokko tokko sababa duubbeen koo Jaappanii fi Abrijina irraa taheef waan ani gara kaaba-dhiha Australia bakka warshaan Jappanii jiru irraa tahe godhanii fudhatu.

"Garuu warri koo bakka buna dhugan Kyushu keessatti wal argan yeroo abbaan koo daawwannaaf Jappan imalee ture. Jaappanitti wal fuudhanii gara Australia ishee fudhatee dhufe."

Yeroo guddataa turte, sababii bifa eshiyaa qabaachaa turteef Dr Marikoon "arrabsoo sanyi-balfattummaa" baayyeen ishee mudataa ture, garuu haguma Aborigina tahuun ishee baramaa dhufeen ammoo arrabsichi "sadarkaa ol-aanaatti" deeme.

Unsettled_Weekend
Dr Mariko Smith Credit: Anna Kucera Credit: Anna Kucera/Anna Kucera
“Balfiin addaa fi hubannoo dhiphoon Aborinummaa ilaalchisee kaú Aboriginni eenuyu isa jedhu dha. Namoonni waanuma naannootti argantu dhiibbaa irratti qabaata, fakkeenyaaf kitaabolee fi seenaan waan hojjetamee dabre kanneen akka bifa gogaa namaa fi sadarkaa dammaqiinsaafaa dabalatee, " jedhti Dr Marikoon.

"Namoota kanneen jireenya isaanii keessatti kanaan dura nama Aboorijiinaa tokkoon wal argine hin beeknu jedhanii yaadan, garuu nan amana carraa qabu turan, balfii fi yaada namootni qaban hin mirkaneeffanneef malee."

Dr Marikoon akka jedhtutti Australiyaan walitti dhufeenya dhugaan akka jiraatu adda addummaa jiru jejachuu fi beekamtii kennuuf qabdi.

"Yoo karaa salphaa tahe tokkoon waa’ee ummata Aboriginaa yaadde, egaa yeros furmaata salphaa qofatus jira. Haala walxaxaa , adda adduummaa qabu, yaad-rimee furmaata guutuu fi adda tahe barbaaduu fi itti yaadamuu qabu dha.

Ummattotni abbaa dachee hin tahin yoo adda-addummaa jiru hin hubatne tahe, dogoggorri achi irraa uumama jedhti Carla Rogers.

"Wanti kun miidhaa fida, wanti kun sanyi balfattummaa fiduu mala, kun ammoo hubannoof gufuu taha jedhna."

Thirteen Aboriginal and Torres Strait Islander people from across Australia taking part in the inaugural Mob in Fashion initiative.
Thirteen Aboriginal and Torres Strait Islander people from across Australia are taking part in the inaugural Mob in Fashion initiative. Credit: Thirteen Aboriginal and Torres Strait Islander people from across Australia are taking part in the inaugural Mob in Fashion initiative.

Eessa irraa waa'ee adda-addummaa Abbootii Dachee caalaatti barachuu dandeenya ?

Akkuma yeroo Awurooppaafaa dhaqxuu kaartaa ilaaluudhaan jalqabi, akkasumas waa’ee biyya jirtuu fi aadaa isaanii bari.

"Yoo sa''a lamaa(2) ol deemtan, Sydney irraa haa jedhnu, biyya adda addaa keessa darbaa jirtu jechuu dha, "jedhti Rogers.

Biyyicha irraa hubannoo gadi fagoo qabaachuuf, akkasumas abbaa aadichaa fi seenaa baruuf gumiin lafaa fi gumii naannoo qunnamuun jalqaba gaarii dha.

Irra caalaa "of-barsiisuudhuma"
Aunty Munya says it’s about “self-education” jedhti adaadee Munyaan.

“ Haga dandeesse baradhu, walitti dhufeenya uummadhu, keessattuu ummatoota Saboota Duraa waliin. Sodaa tokko hin barbaachisu, of beeksisi, qophii isaanii dhaqii hirmaadhu."

Abshaala tahuun, tarkaanfii akkasii fudhattee ummattoota Saboota Duraa waliin hiryummaa ummachuu dha.


Share