Boqonnaa ijoollee ilaalchisee ad Boontuu Mul'isaa fi Ad Amiinaa Alii maal jedhu

เจ้าของธุรกิจขนาดเล็กมักไม่ได้ไปเที่ยวพักผ่อนเพราะต้องดูแลกิจการ แต่นั่นอาจส่งผลเสียต่อธุรกิจและสุขภาพของเจ้าของธุรกิจนั้น

เจ้าของธุรกิจขนาดเล็กมักไม่ได้ไปเที่ยวพักผ่อนเพราะต้องดูแลกิจการ แต่นั่นอาจส่งผลเสียต่อธุรกิจและสุขภาพของเจ้าของธุรกิจนั้น Source: Pixabay

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Ijoolleen Oromoo yeroo boqonnaa irra jiran kanatti maatii fi hawaasni akkamiin tajaajiluu qabu. Ijoolleen torban guutuu keessaa guyyaa shan mana barumsaa oolu. walitti dhufeenyi maatii waliin qaban , hojii manaa kee hojjetteettaa? jechuun to'achuu alatti walitti dhufeenyi maatii ykn hariiroon cimaan ilaalcha barmootatti fuulleffachuun waan dhuunfatame fakkaata. Amma hoo?


Ijoolleen Oromoo yeroo boqonnaa irra jiran kana, maatiin ijoollee isaanii waliin yeroo hariiroo gaarii tolfachuu qabanii dha. Baasanii bashannansiisuu, hojii mana barmootaatii kennameef itti siqeenyaan ilaaluu, gargaaruu, nyaachuu fi dhuguu isaanii mirkaneeffachuu, fayyaa isaanii mirkaneeffachuu akkasumas ofiif boqonnaa fudhatanii yeroo gaarii ijoollee isaanii waliin dabarsuun bu'a qabeessa.

Hawaasnis Oromoos, guddinaa fi nageenya ijoollee isaanii irratti waan danda'aniin bira dhaabbachuu, gorsuu, qajeelchuuf fi daandii sirrii itti agarsiisuun waan duudhaa fi aadaa Oromoo ti. Waanneen ijoollee buhaarsu qopheessuun ijoolleen Oromoo mana barumsaa gara garaa keessa jiran akka walitti dhufanii wal baran hariiroo Oromoummaas qabaatan, hasawa hiriymmaa, haasawa barmootaa, fi kan hawaasummaa akka guddifatan gargaara.
qophii keenya har'aa keessatti dhimma boqonnaa ijoollee kan bara kanaa fi tumsa maatii fi hawaasaa ilaalchisee aadde Boontuu Mul'isaa fi aadde Amiinaa Alii dubbifne caqasaa

Share