Leenjii gargaarsa duraa (first aid) eessaa akka argachuu dandeessan

learning CPR.jpg

First aid can help someone feel better, recover more quickly, or even save lives.

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Balaan akka tasaa fi tasa dhukkubsachuun idduma hunda jira. Leenjii gargaarsa duraa(First aid) qabaachuun miidhaa oolchuu fi tajaajiluu akkasumas lubbuu oolchuuf gargaara. Australia keessatti haalli itti leenjii gargaarsa duraa(First aid) fudhatan filmaatni hedduun jiru, akka fedhii fi baasii abbaa irratti hundaawe.


Tuqqaalee Ijoo
  • Gargaarsa duraa barchuun lubbuu baraaruuf gargaara
  • Leenii CPR taasisuun qaamuma gargaarsa duraa ti, Australia keessatti qaama isa ulaagaalee kana ilaallatu irratti hundaa'uun
  • Leenjiin gargaarsa duraa, akka adda addaatti, bakka fi dheerina yeroo leenjii kana kana irratti hundaawee filannoo baayyeetu jiru.
Bara kuma lamaa fi kudha torbatti(2017), Waldaan Fannoo Diimaa Australia) akka bira gahetti nammotn walakkaa milioonaatti lakkaa’aman wagga waggaan miidhamanii mana yaalaa haa seenanuu malee Australian leenjii gargaarsa duraa kennuutti addunyaa irraa Sadarkaa gad-aanaa irra jiraachuutu hubatame.

The akka eeretti harki 60 miidhaan tahu kan gargaarsa duraa barbaadu mana keessatti yeroo tahu Australiyaanonni 20 guyyaa guyyaatti dhibee onneen du'u.

“Leenjiin gargaarsa duraa osoo gargaarsi hin dhaqqabinii irratti xiyyeeffata. Kana erga jennee booda namoonni fakkeenyaaf duwwaa sadii(000) yeroo bilbilan warri bilbila ambulaansii fudhatan bilbilaan qajeelfama akka isaan gargaaran ni kennu. Ifatti, yeroo wanti tokko waan ta'eef zeeroo sadii bilbiltu, sun yeroon odeeffannoo haaraa baay'ee fudhachuuf mijataa ta'uu dhiisuu mala. Namoonni yoo dursanii itti qophawaan silaa gaarii dha. Dhugaadha, namni tokko caalaatti yoo dhukkubsate ykn miidhame, beekta, namoonni osoo ogeeyyiin gargaarsaa hin dhufin sekondii irraa kaasee akka waa gochuu eegalan barbaanna.”))

Koorsii leenjii gargaarsa duraa namoota akkaataa onnee fi sombaa deebisee lubbuu itti deebisuu, ykn CPR, akkasumas akkaataa itti fayyadama defibrillator barsiisu.

Kunniin lamaan barbaachisoo, lubbuu baraaruu danda’an, namni tokko nama onneen isaa dhaabbachuuf deemu gargaaruuf gochuu danda’uu dha. Obbo Reed leenjiin CPR Tartiiba Gumii Australia kan Gargaarsa Barbaarsa Lubbuu (Australian Resuscitation Council (ARC) hordofuu qaba jedha.

ARCn qaama ol’aanaa muuxannoowwan gargaarsa duraa gaarii to’atu dha. Dhaabbilee akka Kolleejjii Qoricha Hatattamaa, Mana Maree Abbaa Taayitaa Ambulaansii fi Rooyaal Life Saving dabalatee dhaabbilee miseensa gara digdamaa(20) ta’aniin kan ijaarame dha.

adult learners.jpg
First aid training courses typically incorporate classroom simulations to prepare trainees to deal with emergency situations.

Miseensi st John Ambulaansii ( ) dhaabbilee hedduun leenjii gargaarsa duraa ni kennu isaan keessaa Red cross Surf Life Saving, Royal Life Saving kan kana fakkaatan gargaarsa duraa ni barsiisu jedha.

“St John Australia fi New Zealand keessatti kan gargaarsa duraa barsiisuuf heddumminaan beekamuu dha, garuu ammo barsiisotni gargaarsa duraa kan biroonis ni jiran. Red Cross Kanaaf fakkeenya gaarii dha, akkasumas Surf Life Saving, Royal Life Saving kan kana fakkaatan gargaarsa duraa ni barsiisu. Kutaa biyyaa (states) fi handaara biyyaa (territories) keessattis, akkasumas abboomtonni ambulansii yeroo dabre keessa gargaarsa duraa barsiisaa turan, amma illee hangi tokko itti jiran.

Akkasumas kanneen dhuunfaatti leenjii kana kennuuf galmeessamanis ni jiran jedha Dr MacNeil ammas.

Leenjii namaaf tahu filachuu

Leenjiin koorsii tokko tokko fulaa fi fulaan yeroo tahu toorna interneetaanis ni kennama.
woman working on laptop.jpg
Some training providers offer one or more modules of first aid courses in video or webinar mode.
Deb Lowe, Brisbane keessatti Red Cross dhaaf akka Gaggeessituu Gargaarsa Duraa Naannoo taatee hojjatti.

Waan adda addaa barbaachisaa tahe baruuf akkaataan barmootichi itti kennamu bifa gara garaan tahuun ni gargaarsa jedhti.

“Akka ani hubadhutti leenjii kana kan fuulaa fi fuulaatti dabalee toora interneetaa irraanis wal makanii kennuun akka namootni yeroo fudhatanii barmooticha hubatan gargaara, kunis namootni bartan Odeeffannoo argatan yeroo fudhatanii akka itti yaadan, hubatan, keessa deebiánii dhaqabanii akka irra deebiánii dubbisan yeroo hanga tokko ni kennaaf.

Toora interneetaa (online) dhaan kan kenninu akkaataa hojii irra oolchan irrattis waan hubachiisu qaba; afaan gara garaattis wanneen hiikaman ni jiran).

Leenjiin ykn koorsiin kun kan armaa gadii hammata
  • Gargaarsa duraa fi CPR kururoo /daa'imman.(First aid and CPR for child/infant)
  • Nagooma mana keessaa, balaaf sababa wan tahu xiqqeessuu (safety at home, minimising risks( fi  
  • Rakkaa fayyaa dhalatutti deebii kennuu/gargaaruu kanneen akka hudhamuu, asmaa, allerjii fi dhiiguu dabalatee.  
practising with dummy.jpg
Many organisations hold community first aid courses. Ask your doctor or maternal and child health nurse for more information.
“ Yaadni leenjii kanaa of irratti amanamummaan murtoo fudhatee lubbuu baraaruu raawwachuu dha, kanatti dabalees kanneen nu gargaaruu danda'a akka , jiraachuu hubachiisuu dha jedhti adde Lowe."

 Waraqaan ragaa kan leenjii gargaarsa duraaf argatan waggaa sad sadiin haaromuu fi CPR ammoo waggaa waggaan haaromsa fudhachuutu gorfama.

Dr McNeil akka jedhutti CPR raawwachuuf namuu haaromsa wagga waggaa fudhachuun akkaan barbaachisa jedha.

Leenjiin gargaarsa dura, dhiirina yeroon gara gara. kaan sa'a lamaaf deemu kaan guyyoota lamaaf, kaan sadarkaa biyyaalessaatti beekamtii qabu, kaanis hin qaban.
son father.jpg
It is estimated that only 5% of Australians have a current first aid certificate.
Buck Reed waggoota digdamaa(20) oliif ogeessa fayyaa gargaarsa (paramedic) taée hojjechaa ture. Western Sydney University keessattis barsiisaa barnoota Paramedicine ti. Namoonni baayyeen hojiif yoo barbaachise malee leenjii gargaarsa duraa hin fudhatan tahes; akkasis tahe garuu fudhachuun buáa qaba jedha.

Leenjiin gargaarsa duraa waan lama hojjeta, lamaan isaanii iyyuu dandeettii itti namoonni haala ittiin to’atan, itti baha tajaajila miidhama irra gahee itti fooyyessan kana kanaaf gargaara.  Kanaaf, namootni wanti tokko yeroo tahu  akkaataa itti deebisan barachuun gaarii dha, kallattiin tajaajila kennuu qofa utuu hin taane sammuun akkaataa itti of qopheessani illee dabalatee. “

Leenjiin gargaarsa duraa waan bu’uuraa kanneen akka balaa tasa tahu tokko tokko fi miidhaa tahu akkaataa itti furan irratti beekumsa horachuuf gargaara.

Obbo Reed akka jedhutti kaayyoon namoota miidhamaniif haga yaala ogeessa fayyaa bira gahanitti carraa fooyyawinsaa ykn jiraachuu kennuufii dha.

bakka odeeffanoon dabalataa argamuFurther resources

Yeroo balaa hatattamaatti duwwaa sadii (000) bilbilii ambulansii gaafadhu. Namni bilbila irra jiru sun akka itti gargaarsa duraa laattu si gargaara.

Share