Karaa itti bush tucker nyaata keessnitti simachiiftan

Woman holding native Australian Lilly Pilly fruit.

A woman holding a harvest of native Australian lilly pilly fruit which is a nutritious form of bush tucker. Source: iStockphoto / Charlie Blacker/Getty Images/iStockphoto

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Nyaata fi dhugaatii Australia Nyaata fi dhugaatii keessan waliin wal fudhachiisuun ayyaana miidhagaa fi ayinaa qabu qabaadhaa.


Key Points
  • Bush tucker nyaata Australia kan protina fi wanneen garaa nama laaffisan adda addaa qabu dha.
  • Nyaataa fi dhugaatii keessan kan aadaa Australian wal simachiisuun ayyaana gaarii qabaadhaa.
  • Waa’ee mi’eessitoota kanaa eessaa akka argaman yeroo dubbannu Saboota duraa Australia beekamtii kan itti qabaatanii dha.

Bush tucker nyaata Australia, seenaadhaan warreen Ummattoota Saboota Duraa akka itti dhimma bahanii fi namootni hedduunis akka itti gammadan hubatama.

Heddumminaan bush tucker soorata gaarii kan qabu fi pirootinaa fi kanneen garaa laaffisan qabaachuun kan beekame yemmuu tahu, fuduraalee, biqiltoota, bineensotaa fi sanyii adda addaa of keessatti qabaachuu danda'a.

nyatni dhalootaa ykn native kun waggaa dhihoo asitti namoota baayyee kan hawwate yemmuu tahu manatti yeroo bilcheeffatan akkamiin nyaata yeroo mara hojjetan waliin wal simsiisan irratti rakkoon jiraachuu hin oolu.

Damien Coulthard nama Adnyamathanha fi Dieri Flinders Rangers irraa ti. nama waliin nama Warndu hundeessee fi gurgurtaa mi'eessitoota kanaa irratti gaafatamaa dha.
RX015-Guests-CreditJiwonKim-TheCookUpS5-2023-04-27-4.jpg
Co-founder of Warndu, Damien Coulthard. Credit: Jiwon Kim Credit: Jiwon Kim
Yeroo bush tucker nyaatatti dabaltee hojjettu qorannoo ofii kee gochuu qabda.

Namoota warra manatti nyaata hojjetataniif , wanti nu jajjabeessuu barbaadnu nyaata adda addaa yaaluun, fakkeenyummaa fudhatanii nyaata ofii waliin walitti fidanii dhadhamuu dha jedha obbo Coulthard.

Kanaaf chrismasiif nyaata gosa meeqa akka Fidan, waan minyaawaa, kanneen akka bunaa, waan ho’aa fi qabbanaawaa kana kanafaa kan ilaallatu. 

Karaa adda addaa itti argatanii itti fayyadaman, akkaataan itti nyaata hojjetan hundi sarara interneetaa irra jira.

1. Mi'eessitoota dhalootaa(native) salaaxaatti dabaluu

Akkaataa itti nyaatni hojjetamu kan biyyaa haarawa eegaluu irra , kan kee waliin wal keessa fiddee fayyadamuu dandeessa. Fakkeenyaaf salaaxaa, fi fuduraa kanneen wal jala jijjiirtee fayyadamuu dandeessa jechuun gorsa Coulthard .

"mi'aa adda addaa kan qaban yaaluudhumaa jedha."

Fakkeenyaaf, Warrigal greens warri tahan spinach waliin makamuu danda'u. Samphire can tahan ammoo asparagus waliin, lemone myrtle dhandhama addaa kenna, garuu cimaa dha.

2. Waliin makuu

Turkey, lukkuu , qurxummii fi hoolaafa nyaachuu dha. Kanaaf, yoo foon hoolaa qopheeffachuu barbaadde baala saltbush jedhamu fayyadami. Ykn lukkuu ykn turkey hojjechuuf biqiltuu Geraldton wax jedhu fayyadami.

Me'eessituun pepperberry jedhamu yoo fooniin sukkuumanii kaa'an ni tolcha, akkasumas geraldton wax mi'aa loomii qaba warra akka seafood ittiin sukkuumuuf gargaara. accompany seafood.

3. Seafood nyaachuu

Dubartiin Minyunbal Arabella Douglas jedhamtu magaalaa Currie kan hundeessite, dhaabbata Saboota Duraa kan karaa aadaadhaa namoota wal qunnamsiistu dha.

Wantoota dhalootaan(native) qophaa'an yeroo ilaallu gaaffiiwwan jalqabaa of gaafachuu qabnu keessaa tokko, ho’a bonaa kibbaa waliin maaltu wal simata ? jedhti.

"eessa akka jirru yaadachuu qabna, akka bakka jirruutti waan goonu gochuu qabna, naannoo kibbaa kam jirra jedhnee yaaduu qabna jedhti adde Douglas.
RX013-Guests-CreditJiwonKim-TheCookUpS5-2023-04-24-5.jpg
Arabella Douglas is a founder of Currie Country. Credit: Jiwon Kim
"Namni tokko, ilaalcha Saboota Duraatiin Ayyaana Chrismas ykn aadaa maali naan jechuu yoo barbaade, sun yeroo Muddee keessa ardii kana waliin walitti hidhata isaan qaban jechuu alatti waan biraan hin jiru. "

Aadde Douglas , yoodhuma illee pippies fi crab mararfatte, prawns fi seafoo filmaata irra wayyaa dha jedhti.

"Bakka itti mi’eessitoota barbaachisoo tahan mi’eessitoota dhalootaan(native) bakka buufnu  ni jira."

4 Pavlova waan mi'eessu itti dabaluu

Strawberry Gum Pavlova with Wattleseed cream.jpg
Strawberry gum Pavlova with wattleseed cream. Credit: Josh Geelan and Luisa Brimble
Pavlovaan yeroo ayyaana Austrlaia barbaachisummaa guddaa kan qabu yoo ta’u, wantoota dhalootaan qophaa’an walitti makuuf gaarii tahe tajaajila.

"Namni hunduu pavolova ni jaallata, pavlova goraa irraa tahe ni qabna, creamiin isaa sanyii wattle jedhu irraa hojjetama jedha obbo Coulthard.,"

Fuduraa dhalootaa ykn native warra akka quondongs fi Davidson plums fi muntries waliin yeroo nyaatan irra wayyaa dha jedha.

5. Mi'eessitoota dhalootaa (native) dhugaatii ho'aatti dabaladhu

Wattleseed iddoo bunaa bu'ee ni fayyada, humna hinuma sii kenna garuu caaffinii hin qabu.

Loomii qaqalloo fi Davidson plums waan lallaafaatti dabalachuun ni dand'ama akkasumas lemon myrtle bishaan tonik waliin wal fudhata. .

Seenaa isaa galmeesii namaafis qoodi

Mi'eessitootn kun eessaa akka dhufan irratti dubbachuun karaa tokko hambaa badhaadha Australia jejachuuf karaa tokko.

"Tattaaffii godhi, mootummaa naannoo kami jala akka jiru adda baafadhu, tarii maqaan afaanii saba Aboorijiinaa waliin walqabatee jiraa, Seenaa isaa galmeeffadhu, ayyaana dhuga qabeessa taasisi jedha obbo Coulthard.

"Sun waan qabduuf dinqisiifannaa dhugaa akka qabaattu si tolcha, Akkasumas abdii jaalala fi quuqama akka qabaattuuf si taasisa."



Share