Qormaata lammummaa Australiaf akkamiin qophoofta

Ostrelea Dei Selebresen long Canberra

CANBERRA, AUSTRALIA - JANUARY 26: Ruth Deva-Prasanna from India shows off her new Australian Citizenship Certificate at the Citizenship Ceremony (Photo by Stefan Postles/Getty Images) Credit: Stefan Postles/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Qormaata lammummaa Australia fudhachuuf qohaawuu barbaachisa. Namoota Australia dhufan bayyeedhaaf lammummaa Australia fudhachuun gammachiisaa fi mirqaansaa dha. Garuu lammummaa argachuuf jalqaba qormaata lammummaa Australia dabruutu nama irraa jira. Qormaatichi dandeettii namaa kan akka seenaa, aadaa, gati-qabeessummaa Australia fi sirna siyaasaa Australia hagam akka namni beeku madaaluuf taha.


Hubannoo
  • Kitaabeleen seerawaa tahan ati qormaata lammummaa irraa dubbiftu waan ati barbaaddu hunda of keessaa qaba.
  • qormaatni lammummaa Australia afaan Inglishiin kennama kanaaf Afaanicha beekuun barbaachisaa dha
  • Dhaabbileen naannoo keetti tajaajila kennan qormaata lammummaaf kan nama qopheessu barnoota ni kennuu iyyaafadhu.
Australian saba adda addaa fi aadaa hedduu qabdu yoo taatu, hidda dhalootaa 270 ol bakka buánii jiru.

Addunyaa irratti aadaa dureessa walitti fufiinsa qabu qabaachuutti kan beekamtee fi bara 1945 irraa jalqabee gara godaantota milioona torba simattee qubachiiftee jirti.

Lammummaa Australia argachuuf karaaleen ittiin iyyatan hedduun jiru. Akkasumas iyyachuu kee dura ulaagaalee murtaa’an guutuu qabda. iyyachuun dura as tuqi .

'Karaaleen beekamoon ittiin iyyatan 'conferral' fi 'descent' jechuun beekama.
Ogeessi seeraa godaansaa Eva Abdel-Messiah [[Abd-ul Ma-SS-iah]] namoota dhibbaan lakkaa’aman lammummaa Australia akka argatan gargaarteetti. Ulaagaa guddaan ulaagaa jiraattummaa guutuu akka ta'e dubbatti.


"Ulaagaa jiraattummaa Ulaagaa addaa qaba; tokko haga seera qabeessa tahetti vizaa gosa qamuu qabaattee , ammo wagga afran dabaraniif ji’a 12 oliif biyycha keessaa ala hin turre yoo tahe"'
The last year needs to be on a permanent residency, not temporary and no absences more than 90 days within the last 12 months.
Eva Abdel-Messiah
"Waggaan inni dhumaa yeroo itti hayyama jireenya dhaabbataa qabdu tahuu qaba malee kan yeroof ykn ammo ji’oota 12 dabran keessatti guyyoota 90 ol kan Australia keessaa hin bahin tahuu qaba. “


Ulaagaa jireenyaa guutuutti dabalee, iyyattoonni lammummaa Australia umuriin isaanii waggaa 18 ol ta’e akka hamlee jabaa itti fufiinsa qabu jedhee ibsutti ‘amala gaarii’ qabaachuu qabu.


Itti dabalees:-
  • Australia keessa jiraachuuf karoorfachuu ykn yeroo biyya alaa jiranitti biyyicha waliin wal hidhata qabaachuu.
  • Afaan Inglishii irratti beekumsa buúuraa qabaachuu
  • Waa’ee Australia beekumsa qabaachuu, lammii Australia tahuu jechuun maal jechuu akka tahe baruu. Kana hunda beekuu isaanii baruuf iyyattootni baayyeen qormaata lammummaa fudhatu.
“Yoo namoota gurguddaa tahan Jechuun wagga 18 haga 59 gidduu yoo tahan afaan inglishii haga tokko danda’’uu isaanii mul’isuu qaban. Gaaffii fi deebii akkasumas qormaata lammummaa fudhachuu qabu jedhti adde Evaan. “


KEVIN ANDREWS CITIZENSHIP TEST
Kevin Andrews, Minister for Immigration and Citizenship, holds a copy of the Australian Citizenship Test booklet in Melbourne, Monday, Oct. 1, 2007. (AAP Image/Andrew Brownbill) Source: AAP / ANDREW BROWNBILL/AAPIMAGE
Lammummaa Australia fudhachuuf seerri siif hayyama yoo tahe akkasumas qormaata lammummaa fudhachuuf of qopheessaa jirta yoo tahe sirriitti irratti dalagatuu qabda, jedhti aadde Evaan.


"Qormaatni Lammummaa Australia, lammii Australia tahuu jechuun maal jechuu dha kan jedhu beekuu namaa kan ittiin hubatanii dha. Ummata Australia, mallattoo Australia, ilaalcha Dimokrasii , mirgaa fi bilisaa akkasumas akka itti mootummaan kun gad dhaabbate ni beekna. Seerri akkamitti akka tolchame, akkasumas qabiiyyee Australia bilsummaa, kabajaa fi wal qixxummaa irratti kan hundaawe tahuu hubachuu fi of-kenniinsa agarsiisuun barbaachisaa taha”.

Qormaatni Lammummaa Australia, lammii Australia tahuu jechuun maal jechuu dha kan jedhu beekuu namaa kan ittiin hubatanii dha. Ummata Australia, mallattoo Australia, ilaalcha Dimokrasii , mirgaa fi bilisaa akkasumas akka itti mootummaan kun gad dhaabbate ni beekna. Seerri akkamitti akka tolchame, akkasumas qabiiyyee Australia bilsummaa, kabajaa fi wal qixxummaa irratti kan hundaawe tahuu hubachuu fi of-kenniinsa agarsiisuun barbaachisaa taha”.

Qormaanni lammummaa Australia gaaffilee 20 kan deebii isaa keessaa filatan qaba. . 

Kunis, Jedhti adde Evaan, mata durewwan adda addaa kan akka mallattoolee Australia, taatewwan seenaa, caasaa mootummaa, fi mirgaa fi itti gaafatamummaa lammummaa kan hammatuu dha.


“Gaaffilee filannoo 20 keessaa shan faayidaa Australia siif qabdu (Australian values) irratti hundawa, warreen kana dogoggoruun hin hayyamamu. Waliigala tuqaan ittiin dabartu dhibbatti harka 75 deebisuu yeroo tahu, kana jechuun dogoggora tokko tokko qabaachuun ni ehamama jechuu dha. Garuu, kutaa isaa waaée faayidaa Australia siif qabdu (Australian values) gaafatu dogoggoruu hin qabdu. Yoo waaée faayidaa Australia siif qabdu jedhu gaaffii tokko dogoggorte, ykn gaaffii tokko kufte qormaaticha hunda isaatu kufte jechuu dha. “


But in the section about Australian values, no mistakes are allowed. If you lose one question or if you fail on one question, that means you failed the whole test.
Eva Abdel-Messiah
Dameen dhimma biyyaa keessaa mar-sariitiin isaa (homeaffairs.gov.au) jedhu dha; kitaabbee (booklet) beekamaa tahe kan qormaata irraa dubbistu kan “”""jedhu irraa qormaata lammummaa qayyabachuun akka woyyu gorsa.

  Kitaabbee xixiqqaan afaan afurtamaan qophaawanii jiran, akkasumas marsariitii irratti sagleedhaan bifa podcastiin irraan qophaawan dhaggeeffachuus ni dandeessu.

Odeeffannoon barbaaddan hundi “Our Common Bond” kitaabbee jedhu irra jira. Akka gaariitti hubadhaa dubbisaa, sammuutti qabachuuf akka isin gargaarutti qabsiisa qabadhaa.


Marsariitii adda addaa qormaata lammummaa tola    kennan irraa qormaata shaakalaa kanuma qormaata dhugaan wal fakkaatu argachuun ni danda’ama.
Adde Evaan, Computeraan marsariitii irraa guduunfaa furgaasanii dubbisuuf barbaadu irra application mobilaa fayyadamuutu irra salphata jedhti.

“Applicationa mobilaa gaarii taániin arga. Yeroo hunda iyyuu maammiltootni koo yeroo  galgala galgla walakkaa sa’’a ykn saá tokko fudhatanii akka gadi buuftaniin gorsa. Warreen akka youtubifaa illee video isa ni qabu. “

Adde Evaan itti dabaluun damee mootummaan sadan kanneen akka sirna Paarlaamaa Federaalaa, fi gahee Hojii Bakka Bu’iinsa Mootummaa Walii Galaa (Governors-General) hubachunis barbaachisaa dha jedhti.

Qormaatni lamummaa taatewwan ijoo tahan Australia keessatti tattahan irratti si gaafata, kanneen akka gumaacha Warra Abbaa Dachee (Indigenous) fi lammiilee aada-danuu Australia dabalatee hubannoo kee si gaafata.

Qormaatni kun afaan Englishiin taasifama. Kanaafuu afaanicha akka dansaa hubachuun dirqama.

Jechoota barbaachisoo tahan shaakaluu, dubbisuu fi jechoota sana baruun gaafficha akka hubattu si gargaara.


Share